Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:50

[1] Waaqayyo, inni harka koo lolatti, quba koos waraanatti barsiisu, kattaan koo ulfinaan haa jajamu!

[2] Inni gaarummaa anatti in argisiisa, inni masaraa koo, da'oo jabaa koo, oolchaa koo, gaachana koo isa ani kooluu itti galuu dhas; inni saba lafa irraa ana jalatti in abboomsisa.

[3] Yaa Waaqayyo, ati akka waa'ee isaa yaaduuf namni maali” Ati akka yaadaan isa qabduufis ilmi namaa maali”

[4] Namni akka qilleensa shuf jedhuu ti, barri jireenya isaas akka gaadidduu darbuu ti.

[5] Yaa Waaqayyo, bantiiwwan waaqaa kee gad qabi, ati as kottu; akka aarri isaan keessaa ba'uttis tulloota tuqi!

[6] Bakakkaa balaqqeessis, warra mormanis bittimsi; xiyyoolii kee gad ergi, gara itti goran isaan wallaalchisi!

[7] Ol gubbaa sanaa harka kee hiixadhuu na furi, bishaanota baay'ee keessaa, harka warra ormaa keessaas na baasi!

[8] Afaan isaanii dubbii hundee hin qabne in dubbata, harka mirgaa wal rukutuun isaaniis kan sobaa ti.

[9] Yaa Waaqayyo, ani weedduu haaraa siif nan weeddisa, mi'a ribuu kudhan qabuunis sin faarfadha.

[10] Ati moototaaf mo'icha in laatta; Daawitin garbicha kees billaa sodaachisaa jalaa in oolchita.

[11] Anas na oolchi, harka warra ormaa keessaas na baasi! Afaan isaanii dubbii hundee hin qabne in dubbata, harka mirgaa wal rukutuun isaaniis kan sobaa ti.

[12] Ilmaan keenya ijoollummaa isaaniitti akka biqila guddina tolee, intaloonni keenya akka utuboota golee irraa, warra ijaarsa mana mootii miidhagsuuf qiinqimamanii haa ta'an!

[13] Gombisaan keenya haa guutu, midhaan garaa garaas isa keessaa haa baafamu! Bushaa'een keenya kumaatama haa ta'an, wal horanii kumaatama kudhaniin bakkeetti haa yaa'an!

[14] Horiin keenya haa dodorroban, gatachuun, iddoo hin ga'in dhalachuun itti hin dhufin! Karaa keenya keessattis rakkatanii iyyuun hin argamin!

[15] Sabni akkasitti jiraatu haa gammadu, sabni gooftichi Waaqayyo isaa ta'eef haa gammadu!

Macaafota Faarfannaa — Chapters