Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:52

[1] Waaqayyo ifa koo ti, fayyina koo tis, yoos immoo eenyuunan sodaadha ree” Waaqayyo da'oo jireenya kootii ti, eenyu durattan pherpherama ree”

[2] Warri hamaa hojjetan ana nyaachuuf yommuu anatti dhi'aatan, warri na cunqursanii fi warri diina kootii ana irratti yommuu ka'an, ofuma isaaniitii gufatanii in kufu.

[3] Duulli na marsee yoo buufate iyyuu, garaan koo hin sodaatu; lolli yoo anatti ka'e iyyuu, ani hin shakku.

[4] Ani Waaqayyoon waan tokkicha nan kadhadha, isas argachuu nan barbaada; innis, bara jireenya koo hundumaa mana Waaqayyoo keessa jiraachuu, gaarummaa Waaqayyo hojjetu ilaaluu, mana qulqullummaa isaa keessattis isa yaadachuu dha.

[5] Inni guyyaa wanti hamaan ana irra ga'utti mana isaa keessa na kaa'ata, suuqa godoo isaa keessa na dhoksa, nagaattis kattaatti ol na baasa.

[6] Ammas diinota naannoo koo jiran irratti mataan koo ol in jedha, anis sagalee gammachuu dhageessisaa, godoo isaa keessatti qalma nan dhi'eessa; faarfannaadhaan Waaqayyoon nan faarfadha, sagalee mi'a faarfannaa garaa garaas nan dhageessisa.

[7] Yaa Waaqayyo, sagalee ani ittiin si waammadhu anaaf dhaga'i! Araara anatti argisiisi, kadhata koos anaaf dhaggeeffadhu!

[8] Ati,“Fuula koo barbaaddadhu!” akka jette, yaadni garaa koo anatti in hima; ammas ani fuula kee nan barbaaddadha, yaa Waaqayyo.

[9] Fuula kee ana duraa hin dhoksin, garbicha kee dheekkamsaan of irraa hin deebisin! Ati gargaarsa anaaf taateetta; ana hin gatin, ana hin dhiisinis, yaa Waaqayyo fayyina ko!

[10] Abbaan koo fi haati koo yommuu na dhiisan, Waaqayyo immoo simee ana in fudhata.

[11] Karaa kee na barsiisi, yaa Waaqayyo! Sababii warri adeemsa koo caqasan jiraniif, ati daandii qajeelaa irra na geggeessi!

[12] Warri sobaan dhugaa ba'an dubbii hamaa afaan isaanii keessaa gad jijjigsaa ana irratti waan ka'aniif, fedha diinota kootiitti ana hin kennin!

[13] Haa ta'u iyyuu malee, biyya warra jiraatoo sanatti Waaqayyo gaarii ta'uu isaa arguuf akkan jiru nan amanadha.

[14] Waaqayyoon eeggadhu, jabaadhus! Laphee jabaadhu, Waaqayyoonis eeggadhu!

Macaafota Faarfannaa — Chapters