Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:18

[1] Namni golgaa isa hundumaa gara irraa jiru keessa jiraatu, gaaddisa isa hundumaa danda'uu jala in buufata;

[2] Waaqayyoon,“Ani sitti kooluu galeera, ati masaraa koo ti; ati Waaqayyo koo isa ani amanadhuu dha” in jedha.

[3] Waaqayyo, kiyyoo namni siif kaa'e, dha'icha nama balleessu irraas si oolcha;

[4] harka isaatiin si golbooba, bobaa isaa jalatti kooluu in galta, amanamummaan isaa gaachanaa fi marsaa siif in ta'a.

[5] Wanti halkan nama sodaachisu, xiyyi guyyaa namatti gad dhiifamus si hin sodaachisin!

[6] Dha'icha dukkanaan namatti dhufu, dhukkuba adeemaa saafaa nama balleessus hin sodaatin!

[7] Kumni tokko si bukkeetti kumni kudhanis gara mirga keetti yoo kufan iyyuu, wanti namatti dhufu kun sitti hin dhi'aatu;

[8] ati garuu ija keetiin ilaalte, gatii warra jal'ootaaf baafamu in argita.

[9] Ati,“Yaa Waaqayyo, ati isa ani kooluu itti galuu dha” jetteetta; isa hundumaa gara irraa jirus iddoo kooluu itti galtu godhatteetta.

[10] Wanti hamaan sitti hin bu'u, dha'ichis mana keetti hin dhi'aatu.

[11] Karaa ati adeemtu hundumaatti, akka si eeganiif ergamoota isaa siif in abbooma;

[12] miilli kee dhagaatti akka hin buuneef, isaan harka irratti si baatu.

[13] Ati leencaa fi mar'ataa irra in ejjetta, leenca saafelaa fi jawwee in dhidhiitta.

[14] Waaqayyo immoo, “Sababii inni na jaallatee anatti maxxanuuf, ani isa nan oolcha; waan inni maqaa koo beekuufis, eegumsaan ol isa nan qaba.

[15] Inni ana in waammata, anis deebii nan kennaaf, yeroo rakkinaatti isaa wajjin nan jiraadha, achi keessaa isa nan baasa, ulfina akka inni argatus nan godha.

[16] Bara dheeraadhaan isa nan quufsa, akka ani fayyisus isa nan argisiisa” in jedha.

Macaafota Faarfannaa — Chapters