[1] Warra waan jal'aa hojjetanitti hin aarin, waan isaan hamaa godhanii argatanittis hin hinaafin!
[2] Isaan akka margaatti dafanii in coolligu; akka biqiltuu misee goguttis in golgolaa'u.
[3] Waaqayyoon amanadhu, wanta gaarii ta'es hojjedhu; biyyuma keessa nagaadhaan taa'i, amanamummaas eeggadhu!
[4] Waaqayyotti gammachuu qabaadhu! Inni immoo kadhata garaa kee siif in kenna.
[5] Karaa kee Waaqayyotti kennadhu, isa amanadhu! Innis siif in raawwata.
[6] Inni qajeelummaa kee akka ifaatti, dhugaa kees akka aduu saafaatti, bakkeetti in baasa.
[7] Waaqayyo duratti gab jedhi, obsaanis isa eeggadhu, nama karaa isaa wal qixxeeffatetti, nama wanta hamaa koratee fiixaan baafatettis hin aarin!
[8] Dheekkamuu irraa of dhowwi, banbanuus dhiisi, inni hamaa hojjechuu duwwaatti waan si geessuuf hin aarin!
[9] Warri jal'oonni lafa irraa in balleeffamu, warri Waaqayyoon eeggatan garuu lafa in qabaatu.
[10] Inni jal'aan yeroo xinnoo booddee achitti hin argamu, iddoo inni ture hubattee yoo ilaalte, inni hin jiru.
[11] Warri garraamonni garuu lafa in qabaatu, isaanis nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu.
[12] Namni jal'aan nama qajeelaatti in mala, ittis in ciniinata;
[13] guyyaan namicha jal'aa akka dhi'aate waan arguuf, gooftichi namichatti in kolfa.
[14] Warri jal'oonni, nama gadadamaa fi dhabaa lafaan dha'uudhaaf, warra karaa qajeelaa irra jiranis ajjeesuudhaaf billaa isaanii in luqqifatu, iddaa isaaniis in dabsatu.
[15] Billaan isaanii garaadhuma isaaniitti gala, iddaan isaaniis in caccaba.
[16] Qabeenya guddaa jal'oonni baay'een qaban irra, qabeenya xinnaa namni qajeelaan qabu wayya.
[17] Irreen jal'ootaa in caccaba, warra qajeelota garuu Waaqayyo qabaa isaa keessatti in eega.
[18] Waaqayyo bara jireenya warra balleessaa hin qabnee beekee, yaada jaalalaatiin duukaa in bu'a, wanti isaan itti darbanii argachuuf jiranis kan isaanii ta'ee in hafa;
[19] bara gadheetti hin yeella'an, bara beelaattis in quufu.
[20] Warri jal'oonni garuu badduu in ba'u; diinonni Waaqayyoo akka miidhagina margaa ti, akkuma aarri badu, isaanis in badu.
[21] Namni jal'aan in liqeeffata, danda'ee hin baasus; namni qajeelaan immoo arjaa dha, waan kennus qaba.
[22] Warri Waaqayyo eebbise lafa in qabaatu; warri inni abaare immoo lafa irraa in balleeffamu.
[23] Ejjennaan namaa inni Waaqayyo jabeessu isa biraa in ka'a; karaan isaa sunis gooftaatti in tola,
[24] Waaqayyo harka isaa qabee waan isa eeguuf, inni yoo kufe iyyuu, lafa hin ga'u.
[25] Dargaggummaa argeera, dulluma biras ga'eera; garuu namni qajeelaan utuu gatamuu, ijoolleen isaas waan nyaatan dhabanii utuu kadhatanii ani takkaa argee hin beeku.
[26] Inni yoom iyyuu in arjooma, in liqeessas, ijoolleen isaas eebbaaf in ta'u.
[27] Wanta hamaa irraa fagaadhu, wanta gaarii hojjedhu! Yoos bara baraan nagaatti in teessa.
[28] Waaqayyo waan dhugaa ta'e in jaallata, warra isaaf of kennanis hin gatu; isaan bara baraan in eegamu, ijoolleen jal'ootaa immoo lafa irraa in balleeffamu.
[29] Warri qajeelonni biyya in qabaatu, yeroo hundumaafis keessa in taa'u.
[30] Afaan nama qajeelaa ogummaadhaan in dubbata, arrabni isaas waan dhugaa ta'e in hima;
[31] seerri Waaqayyo isaatii garaa isaa keessa jira, faanni isaas isa irraa hin mittiqu.
[32] Namni jal'aan riphee nama qajeelaa in eeggata, isa ajjeesuus in barbaada.
[33] Waaqayyo garuu harka isaatti isa hin kennu, yommuu namni itti faraduuf jedhus yakka itti hin mursiisu.
[34] Waaqayyoon abdiidhaan eeggadhu, karaa isaa irraa akka hin jal'annes eeggadhu! Biyya akka qabaattuuf ulfina siif in kenna, lafa irraa balleeffamuu warra jal'ootaas argitee in gammadda.
[35] Nama jal'aa humnaan nama irratti ka'u ani argeera, inni akka muka lafti itti tolee dagaagee ta'e;
[36] ergasii yeroon achiin darbuutti, ilaalee nan dhabe; ani isa nan barbaade, inni immoo hin argamne.
[37] Nama hir'ina hin qabne caqasi, nama yaada qajeelaas ilaali! Qacceen nama nagaa hin badu.
[38] Warri irra-daddarbituun garuu wal duukaa in duguugamu, qacceen warra jal'ootaas lafa irraa in balleeffamu.
[39] Fureen qajeelotaa Waaqayyo biraa in dhufa, Waaqayyo yeroo rakkinaatti da'oo isaanii ti;
[40] Waaqayyo isaan in gargaara, isaan in oolchas; waan isaan kooluu isatti galaniif, inni harka warra jal'ootaa duraa oolchee isaan in fura.