[1] Waaqayyo ol in ka'a, diinonni isaas in bittimmaa'u, warri isa jibbanis fuula isaa duraa in baqatu!
[2] Akkuma qilleensi aara oofu, akkasuma atis isaan in oofta; akkuma gagaan ibidda duratti baqu warri jal'oonni fuula Waaqayyoo duraa in badu.
[3] Warri qajeelonni garuu in gammadu, isaan Waaqayyo duratti gammaduu isaanii in mul'isu, gammachuudhaanis warra itti tole in ta'u!
[4] Waaqayyoof weeddisaa, mi'a garaa garaatiinis maqaa isaa faarfadhaa, isa lafa duwwaa gara irraa adeemus ol kaasaa, faarfadhaa! Maqaan isaa “Isa jiru” jedhama, fuula isaa duratti gammaduu keessan mul'isaa!
[5] Waaqayyo iddoo isaa isa qulqullaa'aa keessa jira; warra abbaa hin qabneef abbaan, haadhotii hiyyeessaafis falmaan, isa.
[6] Waaqayyo warra kophaa jiraataniif maatii in kennaaf, warra hidhamanis gara jireenya gaariitti in baasa; warri mormanii isa irratti ka'an garuu biyya qoqoree keessa in jiraatu.
[7] Yaa Waaqayyo, yeroo ati saba kee dura buutee kaate, lafa duwwaa sana kuttee adeemte;
[8] tulluu Siinaatti akkuma ta'e, fuula Waaqayyoo duratti, fuula Waaqayyoo isa kan Israa'el duratti lafichi in socho'e, bantiin waaqaas bokkaa coccophse.
[9] Bokkaa baay'ees biyya isa dhuunfaa kee godhatte irratti roobsite, yaa Waaqayyo, yeroo inni jiidha dhabee laabba'ettis lubbuu itti deebifte.
[10] Yommus warri kan kee ta'an achi keessatti iddoo jireenyaa in argatan; yaa Waaqayyo, ati gaarummaa keetiin warra waan barbaachisu dhabaniif isa in qopheessite.
[11] Waaqayyo dubbii isaa in dhageessisa, dubartoonni warri misraachoo himan sun macca guddaa turan;
[12] “Mootonnii fi loltoonni in baqatu; isaanoo in baqatu!” Dubartiin manaa boojuu in hirti.
[13] Yeroo wanti akka qoochota gugee meettiidhaan, baalleewwan isaaniis warqee bifa margaatiin uffifamanitti isin immoo karra hoolotaa gidduu in ciiftuu ree”
[14] Yommuu inni hundumaa danda'u mootota achitti bittimse, akka waan cabbiin tulluu Zaalmon irratti bu'e in ta'e.
[15] Tulluun Baashaan tulluu Waaqayyoo ti; tulluun Baashaan roggee baay'ee qaba.
[16] Yaa tulloota roggee baay'ee qabdanii, gara tulluu isa Waaqayyo iddoo buufata isaa godhachuu fedhee, isa Waaqayyo bara baraan irra jiraatuu, maaliif ija hinaaffaatiin ilaaltu?
[17] Konkolaatonni macca Waaqayyoo kumaatama baay'ee dha, kumaatama kumaatamaa irras in caalu; gooftichi isaaniin tulluu Siinaatii gara iddoo qulqulluu dhufee, saba isaa gidduu jira.
[18] Ati Waaqayyo gooftaan, achi jiraachuudhaaf, warra booji'aman fudhattee, iddoo ol jedhaa sanatti baateetta; namoota gidduudhaa, warra mormanii si irratti ka'an irraa iyyuu kennaa fudhatteetta.
[19] Gooftichi inni guyyuma guyyaatti ba'aa keenya nuuf baatu, Waaqayyo inni nu oolchu, maqaan isaa haa eebbifamu!
[20] Waaqayyo keenya Waaqayyo isa fayyisuu dha, Waaqayyo gooftaan du'a jalaa baasuufis karaa qaba.
[21] Waaqayyo garuu mataa diinota isaatii, gubbee nama akkuma yakketti deddeebi'uus in hurreessa.
[22] Gooftichi, “Ani biyya Baashaanii deebisee isaan nan fida, ani tuujjuba galaanaa keessaa deebisee isaan nan fida;
[23] ati immoo miilla keetiin dhiiga in borcita, arrabni saroota keetiis dhiiga diinotaa in arraabu” jedhe.
[24] Yaa Waaqayyo, toora ati ittiin adeemuutti jirtu, toora Waaqayyo koo, mootiin koo gara iddoo qulqullaa'aatti ittiin galaa jiru, isaan hundinuu arganiiru.
[25] Warri faarfatan fuula duraan, warri mi'a faarfannaa dhageessisan booddeedhaan, durboonni warri dibbee rukutan gidduudhaan turan.
[26] Walga'ii keessan hundumaa keessatti maqaa Waaqayyoo eebbisaa, warri burqituu Israa'el keessaa baatanis goofticha jajadhaa!
[27] Benyaamiin inni isaan keessaa xinnaan toora isaan galche, gurguddoonni Yihudaa tuuta isaanii keessa, gurguddoonni Zebuloon, gurguddoonni Niftaalemis achi turan.
[28] Yaa Waaqayyo, aangoo kee abboomi, yaa Waaqayyo, aangoon kee inni ati nuuf jettee hojii irra oolchite ittuma haa jabaatu!
[29] Sababii mana qulqullummaa kee isa Yerusaalem keessaa gara olii jiruuf, mootonni kennaa siif in fidu.
[30] Saba akka bineensaa jajjabatti galu kana, tuuta korommii sabaa, warra akka jabbii wajjin ifadhu! Warra meettiidhaan gabbarsiisan, saba lolatti gammadus bittimsi!
[31] Sooressonni biyya Gibxiitii in dhufu, Itiyoophiyaan ariifattee harka ishee gara Waaqayyootti in hiixatti!
[32] Isin mootummoonni lafaa, Waaqayyoof weeddisaa, goofticha faarfannaadhaan jajadhaa!
[33] Isa bantiiwwan waaqaa irra, bantiiwwan waaqaa warra durii durii keessa adeemu faarfadhaa! Kunoo, inni sagalee isaa, sagalee kakawwee isaa isa aango-qabeessa in dhageessisa.
[34] Aangoo Waaqayyoo isa surraan isaa Israa'el irra, jabinni isaas waaqa keessa jiru jajadhaa!
[35] Waaqayyo, sodaatamaa fi dinqisiisaa ta'uun isaa, mana qulqullummaa isaa irraa in argama; inni Waaqayyo isa kan Israa'el, inni humnaa fi jabina saba isaatiif in kenna; maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu!