[1] “Gara mana Waaqayyoo dhaqna!” yeroo anaan jedhanitti, ani nan gammade.
[2] Ammas miilli keenya, balbaloota kellaa kee keessa in dhaabata, yaa Yerusaalem!
[3] Yaa Yerusaalem, ishee mandaraaf akka ta'utti ijaaramtee, ishee tokkummaadhaan walitti hidhamtee!
[4] Achitti gosoonni ol in ba'u; gosoota Waaqayyoo ta'anii, Israa'eliif akkuma abboomametti, maqaa Waaqayyoof galata in galchu.
[5] Achitti teessoowwan firdii, teessoowwan mana Daawit dhaabamaniiru.
[6] Nagaa Yerusaalemiif kadhadhaa! Warri si jaallatan itti tolee gabiitti haa jiraatan!
[7] Nagaan masaraa kee keessa, gabiinis mana mootummaa kee keessa haa jiraatu!
[8] Sababii obboloota koo fi hiriyoota koof, “Nagaan si keessa haa jiraatu!” nan jedha.
[9] Sababii mana Waaqayyoo gooftaa keenyaaf, wanta gaarii argachuu kee nan barbaada!