[1] Waaqayyo aangoo keenya waan ta'eef, ililchaa! Waaqayyo isa kan Yaaqoobitti gammaduu keessan dhageessisaa!
[2] Faarfannaa jalqabaa, dubbisa rukutaa, maseenqoo namatti toluu fi kiraara dhageessisaa!
[3] Baatii ji'aatti, goobana ji'aatti, guyyaa ayyaana keenyaattis fiinoo afuufaa!
[4] Inni kun Israa'eliif seerrata, Waaqayyo isa kan Yaaqoob birattis, wanta qajeelaa ta'ee fudhatamee dha.
[5] Yeroo biyya Gibxi rukutuuf ba'e, inni abboommii isaaf dhugaa ba'u ijoollee Yoseef gidduu dhaabe; anis sagalee dur hin beekne tokko nan dhaga'e.
[6] Innis,“Gatiitii isaa ba'aa jalaa nan baase, harka isaas guuboo baachuu nan dhiisise.
[7] Ati yeroo rakkinaatti in waammatte, ani immoo keessaa sin baase, golgaa duumessa kakawwee qabu keessaa siif dhaga'eera; bishaan morkii sana biratti si qoreera.
[8] Dhaggeeffadhu yaa saba ko, ani waanan si gorsu qaba; yaa Israa'el, utuu anaaf dhageessee, attam gaarii dha!
[9] Waaqayyolii warra ormaa keessaa tokko illee si keessatti hin argamin, waaqayyolii warra kaaniifis hin sagadin!
[10] Ani Waaqayyo gooftaa kee ti, anatu biyya Gibxiitii si baase; afaan kee as qabadhu, ani immoo siif nan guuta.
[11] “Sabni koo garuu sagalee koo dhaggeeffachuu in dide, Israa'el yaada kootti galuu hin barbaanne.
[12] Isaan mata-jabeeyyii akka ta'aniif nan dhiise; yaada isaanii isa qopheessan duukaas in bu'an.
[13] Sabni koo utuu anaaf dhaga'ee, Israa'el utuu karaa koo irra adeemee,
[14] silaa ani immoo diinota isaa salphaatti nan gugguufsisa, hamajaajii isaa irrattis harka koo nan gara galfadha.
[15] Warri Waaqayyoon jibban isaaf in gugguufu, yeroon isaaniis hamma bara baraatti kanumaan dhumuu isaa ti.
[16] Ani immoo qamadii isa caaluun sin soora, damma holqa kattaa keessaa ba'uunis sin quufsa” jedhe.