Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:13

[1] Yaa Waaqayyo, aarii keetiin ana hin ifatin, dheekkamsa keetiinis ana hin adabin!

[2] Xiyyooliin kee gad fageessanii na waraananiiru; harki kees anatti in ulfaate.

[3] Sababii dheekkamsa keetiif foon koo bututeera, sababii cubbuu kootiifis lafeewwan koo fayyaa hin qaban.

[4] Irra-daddarbaan koo mataa koo irra ol darbeera, miijanni isaas ba'aa ani baachuu hin dandeenye ta'ee anatti ulfaateera.

[5] Sababii ani gowwoomfameef, madaan koo foolii foolii jedhee, in mala'es.

[6] Ani goopha'ee, raawwadhees walittan cabe, guyyaa guutuus boo'aa nan naanna'a.

[7] Mudhiin koo guutummaan isaa na guba, dhagni koos fayyaa hin qabu.

[8] Humni koo na bushaa'ee, raawwadhees nan caccabe, yaadni koo dhiphattee sababiin aaduufis nan iyya.

[9] Yaa Waaqayyo, wanta ani si biraa argachuu fedhu hundumaa situ beeka, hafuura dheeraa baafachuun koos si duraa hin dhokanne.

[10] Lapheen koo na dha'ate, humni koo in laafe, iji koos arguu in dhabe.

[11] Firoonni koo fi olloonni koo sababii dha'ichi anatti dhufeef ana irraa in baqatu, aantiin koos ana irraa fagaatanii in dhaabatu.

[12] Warri jireenya koo balleessuu barbaadan kiyyoo isaanii diriirsan, warri miidhama koo barbaadanis na balleessuuf in mari'atu; guyyuma guutuus karaa sobaa itti yaadanii in qopheessu.

[13] Ani garuu akka nama duudaan ta'e, ani hin dhaga'u; ani akka nama arraba didaa isa afaan hin saaqannee nan ta'e.

[14] Ani akka nama gurri isaa hin dhageenyee, akka isa deebii namaaf hin laannee nan ta'e.

[15] Garuu ani abdiidhaan sin eeggadha yaa Waaqayyo, atoo deebii anaaf in laatta, yaa Waaqayyo gooftaa ko!

[16] Anoo,“Warri yeroo miilli koo bitintiru ana irratti of jajan, akka isaan anatti gammadan hin godhin!” jedhee sin kadhadha.

[17] Ammas ani kufuu ga'eera, dhukkubni koo inni na waraanus yeroo hundumaa anaa wajjin jira.

[18] Ani yakka koo nan himadha; cubbuu waanan hojjedheefis nan gadda.

[19] Warri sababii malee diinota anatti ta'an humna-qabeeyyii dha, warri karaa malee na jibbanis baay'ee dha.

[20] Ani isa gaarii duukaa waanan bu'uuf, warri qooda gaarii hamaa anaaf deebisan hamajaajii koo ti.

[21] Yaa Waaqayyo, ati ana hin gatin, yaa gooftaa ko, ati ana irraa hin fagaatin!

[22] Yaa gooftaa ko, fayyisaa ko, ati ana gargaaruudhaaf ariifadhu!

Macaafota Faarfannaa — Chapters