[1] Yaa Waaqayyo, ati maaliif achi fagaattee dhaabatta” Yeroo rakkinaattis maaliif of dhoksita”
[2] Warri jal'oonni of bokoksanii warra rakkatoo sardanii in ari'u; isaan yaada namatti qopheessanii fidaniin ofii isaaniitii haa qabaman.
[3] Namni jal'aan kajeellaa garaa isaatiin of in jaja, inni bu'aa argachuuf in saama iyyuu dha; in abaara, Waaqayyoonis in tuffata.
[4] Namni jal'aan of koorsuu isaatiin yaada isaa guutuudhaan, “Waaqayyo nama hin adabu, Waaqayyo hin jiru” in jedha.
[5] Karaan isaa yeroo hundumaatti wal in qixxaataaf, firdiin kee isa irraa ol fagoo dha, warra isaan mormanitti immoo tuffiidhaan itti in qumaada;
[6] inni garaa isaatti,“Ani matumaa hin mittiqu, dhaloota hundumaa keessattis wanti hamaan ana hin argatu” jedhee in yaada.
[7] Dubbii afaan isaa keessaa ba'u keessa, abaarsa, wallaalchisa, gad nama qabuutu guute; arraba isaa jala jal'inaa fi hamminatu jira.
[8] Gandeen keessa riphee in taa'a, iddoo dhokannaatti immoo warra yakka hin qabne in ajjeesa, ija isaatiinis warra rakkatanii of gargaaruu dadhaban in gaada.
[9] Inni akka leenca caakkaa gobbuu keessaatti, dhokatee in eeggata; inni nama rakkataa qabaa isaa keessa galfachuudhaaf in eeggata; kiyyoo isaatiin harkisees isa rakkataa sana in qabata.
[10] Inni rakkatee of gargaaruu dadhabe sunis caccabee walitti in gala, humna harka isa qabe sanaanis in kuffifama.
[11] Yommus namni jal'aan sun garaa isaa keessatti, “Waaqayyo isa irraanfateera, fuula isaas isa duraa dhokseera, deebi'ees matumaa isa hin argu” jedhee in yaada.
[12] Ka'i yaa Waaqayyo, yaa gooftaa harka ol fudhadhu! Warra rakkatan hin irraanfatin!
[13] Inni jal'aan maaliif Waaqayyoon tuffata” Maaliifis garaa isaatti, “Ati nama hin adabdu” siin jedha ree?
[14] Atoo in argita, eyyee, ati rakkinaa fi gadda in caqasta, waan gochuun ta'us ati harka keetti qabatteetta; inni rakkatee of gargaaruu dadhabes kana sitti in kennata; ati gargaaraa warra abbaan irra hin jirree taateetta.
[15] Ati irree isa jal'aa fi irree isa hamaa godhu cabsi, jal'ina isaa duukaa bu'ii adabi, deebi'ees akka inni hin argamne godhi!
[16] Waaqayyo yeroo hundumaa, baruma baraanis mootii dha, sabni warri kan isaa hin ta'in biyya isaa irraa in badu.
[17] Yaa Waaqayyo, ati himata warra gadadamoo in dhageessa, garaa isaanii in jajjabeessita, gurra kees gara isaaniitti in qabda;
[18] kanaanis warri abbaan irra hin jirree fi warri gad qabaman qabaa qajeelaa akka argatan namni lafa kanaa deebi'ee pherpherama akka hin fidne in goota.