[1] Waaqayyo sagalee koo fi himata koo waan dhaga'eef, ani isa nan jaalladha.
[2] Inni gurra isaa gara kootti qabeera, kanaafis hamman jirutti isa nan waammadha.
[3] Futtaasaan du'aa anatti marame, waa'ee iddoo lafa jalaas yaadee dhiphinni ana irra ga'e; ani muddamaa fi gadda keessa nan lixe.
[4] Yommus,“Yaa Waaqayyo, ani sin kadhadha, lubbuu koo oolchi!” jedhee, maqaa Waaqayyoo nan waammadhe.
[5] Waaqayyo araara-qabeessaa fi qajeelaa dha, Waaqayyo keenya oo'a-qabeessas.
[6] Waaqayyo warra garraamota in eega, yeroo ani mataa buusetti inni na gargaare.
[7] Waaqayyo wanta gaarii waan siif godheef, yaa lubbuu ko, aara-galfannaa keetti deebi'i!
[8] Ati immoo yaa gooftaa, lubbuu koo du'a, ija koo imimmaan, miilla koos gufachuu oolchiteetta.
[9] Biyya warra jiraatoo keessa, ani fuula Waaqayyoo dura nan deddeebi'a.
[10] Yeroo,“Ani guddisee rakkadheera” jedhetti iyyuu, ani amantii koo nan eeggadhe.
[11] Na'ee dinqifachuu koo keessatti immoo, “Namni hundinuu sobaa dha” nan jedhe.
[12] Wanta gaarii inni anaaf godhe hundumaaf, ani Waaqayyoof maalan deebisa”
[13] Ani xoofoo fayyinaaf kenname ol nan fuudha, maqaa Waaqayyoos nan waammadha.
[14] Fuula saba isaa hundumaa duratti immoo, ani wareega koo Waaqayyoof nan baasa.
[15] Warri isaaf qulqullaa'an du'uun, ija Waaqayyoo duratti ulfaataa dha.
[16] Yaa Waaqayyo, kunoo ani garbicha kee ti; ani garbicha kee, ilma garbittii keetii ti, ati hidhaa koo hiikteetta.
[17] Ani aarsaa galataa siif nan dhi'eessa, maqaa Waaqayyoos nan waammadha.
[18] Fuula saba isaa hundumaa duratti immoo, ani wareega koo Waaqayyoof nan baasa.
[19] Kanas oobdii mana Waaqayyoo keessatti, si keessatti yaa Yerusaalem nan baasa. Waaqayyoon jajadhaa!