Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:03

[1] Warri Waaqayyoon amanatan, akka tulluu Xiyoon isa hin mittiqnee, isa bara baraan dhaabatuu ti.

[2] Akkuma tulloonni Yerusaalemin naanna'anii jiran akkasuma immoo Waaqayyo ammaa jalqabee hamma bara baraatti, karaa hundumaa naannoo saba isaatii jira.

[3] Uleen mootummaa jal'inaa, biyya ga'aa warra qajeelotaa irra dhaabatee hin hafu, kanaa achi warri qajeelonni dabaa hojjechuudhaaf harka isaanii ol in fudhatu.

[4] Yaa Waaqayyo, warra gaarii ta'aniif, warra gara-qajeelotaafis gaarii godhi!

[5] Warra karaa micciiramaa irra goran garuu, Waaqayyo warra hamaa godhanii wajjin haa adeemsisu! Nagaan Israa'eliif haa ta'u!

Macaafota Faarfannaa — Chapters