[1] Yaa Waaqayyo, Daawitin, wanta inni itti dadhabe hundumaas yaadadhu!
[2] Waaqayyoof attam akka kakate, aango-qabeessa isa kan Yaaqoobiif attam akka wareege,
[3] “Ani matumaa godoo isa ani keessa jiraadhutti hin galu, siree ani irra ciisuttis ol hin ba'u;
[4] ani hirriba ija kootti hin fidu, mugaatiifis baallee ija koo wal irra hin buusu.
[5] Hamma ani Waaqayyoof iddoo, aango-qabeessa isa kan Yaaqoobiif buufata arguutti hin boqodhu” jedhe.
[6] Efraataatti waa'ee sanduuqa kakuu dhageenye, bakkee Yaa'arittis isa argine;
[7] kottaa gara iddoo buufata isaa in dhaqnaa, ejjeta miilla isaa jalattis isaaf in sagannaa!
[8] Yaa Waaqayyo, ati gara iddoo boqonnaa keetti ka'i! Sanduuqi kakuu inni aangoo kee mul'isus sii wajjin haa dhaqu!
[9] Luboonni kee qajeelummaa haa uffatan, warri siif of kennanis sagalee gammachuu haa dhageessisan!
[10] Sababii garbicha kee Daawitiif jedhii, fuula isa dibdee moosiftee of irraa hin deebisin!
[11] Waaqayyo dhugaadhaan Daawitiif kakateera, kakaa isaa irraas hin gara galu; “Warra si irraa dhalatan keessaa nama tokko, teessoo kee irra nan kaa'a.
[12] Ilmaan kee kakuu koo yoo eegan, abboommii dhugaa anaaf ba'u isa ani isaan barsiisus yoo eegan, ilmaan isaaniis immoo bara hundumaaf, teessoo kee irra in taa'u” jedheera.
[13] Waaqayyo Xiyoonin fo'ateera, lafa taa'umsa isaa ishee godhachuuf fedheera.
[14] “Kun bara hundumaaf iddoo boqonnaa koo ti; kanas waanan fedheef, ani addana nan buufadha.
[15] Waan namoonni ishee nyaataaf argatan baay'ee nan eebbisa, hiyyeessota ishees buddeena nan quufsa.
[16] Luboota isheetti fayyina nan uffisa, ishee keessaa warri Waaqayyoof of kennanis sagalee gammachuu guddisanii in dhageessisu.
[17] Achitti Daawitiif gaanfi humna argisiisu akka biqiluuf nan godha, isan ofii dibee moosiseef ani ibsaa qopheesseera.
[18] Diinota isaatti yeelloo nan uffisa, isa irraa garuu gonfoon isaa tal-tal in jedha” jedheera.