[1] Ani yeroo hundumaa maqaa Waaqayyoo nan eebbisa, jajuun isaas takkaa afaan koo keessaa hin bu'u.
[2] Lubbuun koo Waaqayyoon of in jajji, warri gadadamanis kana dhaga'anii haa gammadan!
[3] Anaa wajjin guddina Waaqayyoo odeessaa, kottaa walii wajjinis maqaa isaa ol in kaafnaa!
[4] Ani Waaqayyoon barbaaddadhe, innis ana jalaa owwaate, sodaa koo hundumaa keessaas na baase.
[5] Gara isaa ilaalaa, fuulli keessanis haa ifu! Deebitaniis qaaniidhaan lafa hin ilaaltan.
[6] Namichi gadadamaan kun yommuu iyyate, Waaqayyo isaaf dhaga'ee, rakkina isaa hundumaa keessaas isa in oolche.
[7] Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyoon sodaatanii in buufata, inni isaan in oolchas.
[8] Gaarummaan Waaqayyoo attam akka ta'e, isin miyeeffadhaa ilaalaa! Namni isatti kooluu gale haa gammadu!
[9] Warri Waaqayyoon sodaatan homaa hin dhaban. kanaaf isin warri isaaf qulqullooftan isa safeeffadhaa!
[10] Leenci saafelli iyyuu in dhaba, in beela'as, warri Waaqayyoon barbaaddatan garuu waan gaarii tokko illee hin dhaban.
[11] Kottaa, yaa ijoollee na dhaggeeffadhaa, ani immoo Waaqayyoon sodaachuu isin nan barsiisa.
[12] Nama nana, ati jireenya in hawwitaa” Waan gaariitti gammaduufis bara dheeraa jiraachuu in jaallattaa”
[13] Yoos arraba kee hamaattii, afaan kees sossoba dubbachuuttii eegi!
[14] Wanta hamaattii fagaadhuu gaariis godhi! Nagaa barbaadii duukaas bu'i!
[15] Iji Waaqayyoo gara warra qajeelotaa in ilaala, gurri isaas gara iyya isaanii in dhaggeeffata.
[16] Warra hamaa hojjetan garuu seenaa isaanii lafa irraa balleessuudhaaf, Waaqayyo nyaara isaanitti in guura;
[17] yeroo warri qajeelonni gara isaatti iyyan, Waaqayyo in dhaga'a; inni rakkina isaanii hundumaa keessaas isaan in baasa.
[18] Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhi'oo dha, warra yaadni isaanii caccabee bullaa'es in fayyisa.
[19] Wanti hamaan nama qajeelaatti in baay'ata, Waaqayyo garuu kana hundumaa keessaa isa in baasa.
[20] Lafee dhagna isaa hundumaa inni in eega, isaan keessaas tokko illee hin cabu.
[21] Hamminni nama jal'aa in ajjeesa; warra nama qajeelaa jibbanittis yakki in murama.
[22] Waaqayyo lubbuu hojjetoota isaa in fura, warra isatti kooluu galan keessaas tokkotti illee yakki hin muramu.