Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:13

[1] Yaa Waaqayyo isa ani jajadhuu, ati calluma hin jedhin!

[2] Namni jal'aan, gowwoomsaanis afaan ana irratti banatan, arraba sobduudhaan anatti dubbatan;

[3] ana naanna'anii dubbii jibbaa dubbatan, sababii malees na lolan.

[4] Isa ani isaan jaalladheef, diina anatti ta'an; ani garuu isaaniif nan kadhadha.

[5] Qooda gaarii, hamaa, qooda jaalalaas jibba anaaf in deebisan.

[6] Nama jal'aa isa irratti kaasi, mirga isaas hamajaajiin haa dhaabatu!

[7] Yaa'ii firdii keessaas yakkaa ta'ee gad haa ba'u, kadhanni isaa illee cubbuu isatti haa ta'u!

[8] Barri isaa haa gabaabbatu, hojii inni irra dhaabames kan biraa haa fudhatu!

[9] Ijoolleen isaa abbaan kan irra hin jirre haa ta'an, haati manaa isaas haadha hiyyeessaa haa taatu;

[10] ijoolleen isaa asii fi achi labanii haa kadhatan, mana isaanii isa diigamaa keessaa ba'anii waa haa barbaaddatan!

[11] Abbaan gatii wanta inni qabu hundumaa haa qabatu, wanta inni itti dadhabee argates warri ormaa haa saaman!

[12] Namni tokko illee gaarummaa isatti hin argisiisin, ijoollee isaa warra inni irraa du'eefis namni garaa hin laafin!

[13] Ijoolleen ijoollee isaatii lafa irraa haa dhuman, maqaan isaanii dhaloota itti aanu keessaa haxaa'amee haa balleeffamu!

[14] Yakki abboota isaatii Waaqayyo duratti haa yaadatamu! Cubbuun haadha isaas haxaa'amee hin balleeffamin!

[15] Wanta kana keessaa tokko illee yeroo hundumaa Waaqayyo duraa hin dhabamin; seenaan namichaa garuu lafa irraa haa balleeffamu!

[16] Namichoo isa gadadamaa, isa dhabaa ari'ee, isa garaan isaa na'ee abdii kutates ajjeesuu barbaade malee, gaarummaa itti argisiisuu hin yaanne.

[17] Inni abaaruu jaallate, abaarsi isa irra haa ga'u! Eebbatti hin gammanne, innis isattii haa fagaatu!

[18] Inni abaarsa akka wayyaatti uffate, abaarsichi akka bishaanii namummaa isaatti, akka dibataas lafee isaatti haa galu!

[19] Abaarsichi akka uffata inni ofitti maruu, akka sabbata inni yeroo hundumaa ittiin hidhatuu isatti haa ta'u!

[20] Kun hundinuu gatii Waaqayyo biraa warra hamajaajii koo ta'aniif, warra jireenya koo irratti hamaa dubbataniifis kennamu haa ta'u!

[21] Ati garuu yaa Waaqayyo gooftaa ko, maqaa keetiif akka ta'utti anaaf godhi, arjummaa kee isa gaariidhaan ana oolchi!

[22] Anoo gadadamaa dha, dhabaa dhas, quuqaan keessa garaa kootii na madeesse;

[23] akka gaadidduu gabaabbachaa adeemutti darbuuttan jira, akka hawaannisaatti of irraa ana hurgufan;

[24] soomuu irraa kan ka'e jilbi koo in hollate, foon ana irraa dhumee nan huqqadhe;

[25] namootaaf muka ga'oo nan ta'e, yeroo ana arganis mataa anatti raasu.

[26] Yaa Waaqayyo gooftaa ko, ana gargaari, akka gaarummaa keetti ana oolchi!

[27] Kun hojii harka kee ta'uu isaa, yaa Waaqayyo, ati kana gochuu kees haa beekan!

[28] Isaan haa abaaran, ati garuu in eebbifta; warri ana irratti ka'an in yeellaasifamu; garbichi kee immoo in gammada!

[29] Warri hamajaajii koo ta'an salphina haa uffatan, yeelloo isaaniis akka wayyaatti ofitti haa maran!

[30] Afaan kootiin guddisee Waaqayyoof galata nan galcha, namoota baay'ee keessatti isa nan jajadha.

[31] Innoo harka warra lubbuu isaatti faradanii isa oolchuudhaaf, mirga nama dhabaa in dhaabata.

Macaafota Faarfannaa — Chapters