Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:35

[1] Kana booddee Iyoob deebisee Waaqayyoon,

[2] “Ati waan hundumaa gochuu akka dandeessu nan beeka, akeeka kees karaatti kan hambisu hin jiru.

[3] Ati,“Inni dubbii beekumsa malee dubbatamuun, akeeki koo akka hin mul'anne godhu kun eenyu?” jetteetta; ani waanan hin hubatin dubbadheera, dubbichi anaaf baay'ee dinqisiisaa waan ta'eefis, ani isa hin beekne.

[4] “ ‘Ammas dhaggeeffadhu, ani nan dubbadha, ani sin gaafadha, atis anaaf deebisi!” jetteetta.

[5] Ani waa'ee kee dur gurraan dhaga'eera, amma garuu ati anatti mul'atteetta.

[6] Kanaafis ani of tuffadhee, awwaaraa fi daaraa keessa taa'ee, yaada garaa koo nan geddaradha” jedhe.

[7] Waaqayyo Iyoobitti dubbachuu erga raawwatee booddee, Eliifaaz Temaanichaan immoo,“Akka garbicha koo Iyoob waa'ee koo qajeela waan hin dubbatiniif, dheekkamsi koo si irratti firoota kee lamaan irrattis in boba'a.

[8] Kanaaf amma tuntunoota torba, korbeeyyii hoolaa torbas fudhadhaatii, gara garbicha koo Iyoob dhaqaa; isin ofii keessaniif qalma gubatu dhi'eessaa! Ani sababii isin akka garbicha koo Iyoob waa'ee koo qajeela hin dubbatiniif, akka gowwummaa keessan isa yeellaasisaatti isiniif akkan hin deebifnetti, garbichi koo Iyoob isiniif haa kadhatu! Anis kadhata isaa nan dhaga'a” jedhe.

[9] Kana irratti Eliifaaz Temaanichi Biildaad Shu'aahichi, Zofaar Naa'imaatichis dhaqanii akkuma Waaqayyo isaanitti dubbate in godhan; Waaqayyo kana booddee kadhata Iyoob in dhaga'e.

[10] Iyoob firoota isaatiif Waaqayyoon erga kadhatee booddee, Waaqayyo qabeenya isaa iddootti in deebiseef; wanti inni qaba tures dachaa lama hamma ta'utti itti in dabalameef.

[11] Ergasii obboloonni isaa, obboleettonni isaa, warri dur isa beekanis hundinuu gara isaa in dhufan; mana isaattis buddeena isaa wajjin nyaatanii, wanta hamaa Waaqayyo isatti fidee ture hundumaaf isaaf gadduu isaanii mul'isanii isa in jajjabeessan; adduma addaanis meetii fi amartii warqee in kennaniif.

[12] Waaqayyo bara jireenya Iyoob isa gara booddee isa gara duraa caalaatti in eebbise; Iyoob hoolota kuma kudha afur, gaalota kuma ja'a, qotiyyoo cimdii kuma tokko, harroota dhaltuu kuma tokkos in hore.

[13] Akkasumas ilmaan torbaa fi intaloota sadii in godhate.

[14] Intala isaa, ishee duraa “Yimiimaa?, ishee lammaffaa “Qasii'aa?, ishee sadaffaa immoo “Qereen-Haphuu” jedhee moggaase.

[15] Guutummaa biyya sanaa keessatti dubartoonni akka intaloota Iyoob bareedan hin argamne; abbaan isaanii immoo obboloota isaanii wajjin dhaala isaaniif in hire.

[16] Kana booddee Iyoob waggaa dhibbaa fi afurtama jiraatee, ijoollee ijoollee isaatiis hamma dhaloota afuriitti in arge.

[17] Iyoob akkasitti dulloomee bara quufee in du'e.

Macaafa Iyoob — Chapters