Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:10

[1] Yaa Waaqayyo, ati kadhata koo anaaf dhaga'i, gurri kees himata koo haa dhaggeeffatu! Amanamummaa keetiin, qajeelummaa keetiinis anaaf deebisi!

[2] Garbicha kee firdiitti hin dhi'eessin! Nama ta'ee kan jiraatu keessa tokko illee si duratti qajeelaan hin jiru.

[3] Diinni na ari'ee, jireenya koos lafatti dabale, akkuma warra kanaan dura du'aniitti, lafa dukkanaatti na galche.

[4] Kanaaf hafuurri na xinnaatee, garaan koos na'ee in hadoode.

[5] Guyyoota bara durii nan yaadadha, wanti ati goote hundinuus yaada koo keessa jira; hojii harka kees irra-deddeebi'ee itti nan yaada.

[6] Harka koo gara keettan bal'isa; lubbuun koo si duratti akkuma lafa gogee bishaan barbaaduu ti.

[7] Hafuurri koo wal qaqqabuu dadhabeera, ariifadhuu na jalaa owwaadhu, yaa Waaqayyo! Akka warra boollatti gad bu'anii akkan hin taanetti, fuula kee achi ana irraa hin qabatin!

[8] Ani waanan si amanadheef, ganama bariidhaan gaarummaan kee akka anatti dhaga'amu godhi! Lubbuun koo ol gara kee waan yaadduufis, karaa irra adeemuun anaaf ta'u ana beeksisi!

[9] Warra diina anatti ta'an jalaa na baasi, yaa Waaqayyo! Ani si jalatti nan baqadha.

[10] Ati Waaqayyo koo ti, egaa fedha kee gochuu na barsiisi! Hafuurri kee inni gaariin, lafa wal qixxee irra ana haa geggeessu!

[11] Maqaa keef jedhii lubbuu anatti deebisi, yaa Waaqayyo! Qajeelummaa keetiinis rakkina keessaa na baasi!

[12] Anoo garbicha kee ti, ati gaarii waan taateef, warra diina anatti ta'an, fixi! Warra na cunqursan hundumaas balleessi!

Macaafota Faarfannaa — Chapters