[1] Waaqayyoon jajadhaa! Faarfannaa haaraadhaan Waaqayyoon faarfadhaa! Walga'ii warra isaaf of kennanii keessatti jajuu isaa dhageessisaa!
[2] Israa'el isa isa uumetti haa gammadu, ijoolleen Xiyoon mootii isaaniitti gammaduu isaanii haa mul'isan!
[3] Sirbanii maqaa isaa haa jajatan, dibbee fi kiraara rukutuudhaanis isa haa faarfatan!
[4] Waaqayyo saba isaatti in gammada, warra gad deebi'aniifis mo'icha kennuudhaan ulfina in argachiisa.
[5] Warri isaaf of kennan ulfina kanatti haa gammadan, afata isaanii irrattis guddisanii haa faarfatan!
[6] Waaqayyoon jajatanii ol himuun afaan isaanii keessaa, billaan gar lamaan qaramaanis harka isaanii keessaa hin bu'in!
[7] Saba lafa irraa irratti ijaa ba'uudhaaf, saba warra kaanis adabuudhaaf
[8] mootota isaanii fuuncaadhaan, ulfina-qaboota isaaniis funyoo sibiilaatiin hidhuudhaaf,
[9] firdii caafamee jiru isaan irratti in raawwata, kun warra isaaf of kennan hundumaaf ulfina! Waaqayyoon jajadhaa!