Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:34

[1] Waa'ee gaarummaa, waa'ee firdii dhugaa nan weeddisa, sagalee mi'aa dhageessisuudhaanis sin faarfadha, yaa Waaqayyo.

[2] Ati yoom gara koo dhufta” Waa'ee jireenya balleessaa hin qabnee nan yaada, mana koo keessas garaa balleessaa hin qabneen nan jiraadha;

[3] wanta gadhee ija koo dura kaa'ee hin taa'u, irra-daddarbaa nan jibba, akka maxxannee anatti hin qabatu.

[4] Yaadni micciiramaan garaa koottii haa fagaatu, waa'ee wanta hamaa beekuu isaa iyyuu hin barbaadu.

[5] Dhoksaatti nama kan hamatu, lammaffaa akka hin dubbanne nan godha; nama waan guddaatti of ilaaluuf, nama of bokoksuufis ani obsuu hin danda'u.

[6] Iji koo gara warra Waaqayyoof amanamanii biyya keessa taa'anii jira, isaan anaa wajjin haa jiraatan; namni karaa warra balleessaa hin qabne irra deddeebi'u, anaaf haa hojjetu!

[7] Namni haxxummaadhaan hojjetu, mana koo keessa hin jiraatu, namni soba dubbatu ija koo dura hin dhaabatu.

[8] Namoota hamaa hojjetan hundumaa mandara Waaqayyoo keessaa balleessuudhaaf, ganama ganama jal'oota biyya keessa jiran hundumaa lammaffaa akka hin dubbanne nan godha.

Macaafota Faarfannaa — Chapters