[1] Bantiiwwan waaqaa ulfina Waaqayyoo himaa jiru, wanti bantii waaqaa jalaan mul'atus hojii harka isaa in labsa.
[2] Guyyaan guyyaa isatti aanutti kana in dabarsa, halkanis halkan isatti aanutti waa'ee kanaa in beeksisa.
[3] Isa kanaaf jechi, dubbiinis hin jiru, sagaleen isaaniis hin dhaga'amu;
[4] haa ta'u iyyuu malee, wanti isaan dabarsan guutummaa biyya lafaatti in ba'e; wanti isaan himanis andaara lafaa in ga'e; gooftichi achi bantii waaqaa keessatti biiftuudhaaf godoo in dhaabe.
[5] Isheen akka dhirsa misirroo diinqa isaatii ba'utti in baati; akka nama jagnaattis adeemsa ishee raawwachuutti in gammaddi.
[6] Andaara bantii waaqaa isa gara tokkootii baatee, naannoftee andaara isaa isa gara kaaniitti in lixi; ifa ishee isa gubaa duraa kan dhokatus hin jiru.
[7] Seerri Waaqayyoo guutuu dha, lubbuu namatti in deebisa; wanti seerri Waaqayyoo dhugaa ba'u amanamaa dha, inni wallaalota iyyuu beektota in godha.
[8] Ajaji Waaqayyoo qajeelaa dha, garaa namaa in gammachiisa; abboommiin Waaqayyoo qulqulluu dha, ija namaa in ibsa.
[9] Waaqayyoon sodaachuun yaada qullaa'aa dha, bara baraan jabaatee in dhaabata; akka namni ittiin geggeeffamuuf wanti Waaqayyo kennu dhugaa dha, guutummaan isaas qajeelaa dha.
[10] Inni Waaqayyo kennu kun warqee caalaatti, warqee baqfamee qullaa'e baay'ee caalaattis, ilaalamuun kan ta'uu dha; damma caalaa, nadhii dhaaba dammaa keessaa coccophu caalaas in miyaa'a.
[11] Garbichi kee isaan in gorfama; namni isa eegus bu'aa guddaa qaba.
[12] Wanta utuu hin beekin irraa kaate eenyutu hubachuu danda'a ree” Balleessaa koo isa na duraa dhokate kana anatti hin ilaalin!
[13] Waan of gad dhiisuudhaan hojjetan irraas garbicha kee eegi; wanti kun ana irratti hin mo'in! Yoos hir'inni ana irratti hin argamu; xurii cubbuu guddaa irraas nan oola.
[14] Yaa Waaqayyo kattaa koo fi furii ko, wanti ani si duratti afaan kootiin dubbadhu, garaa koottis yaadu fudhatamaa anaaf haa ta'u!