[1] Yaa Waaqayyo, lubbuun koo ol gara kee in yaaddi!
[2] Yaa Waaqayyoo ko, ani sin amanadha, akka ani hin yeellaasifamne godhi! Diinonni koos ana irratti hin gammadin!
[3] Eyyee, warri harka kee eeggatan hin yeellaasifaman; warri akkasumaan amanamuu isaanii dhiisanii si irraa gara galan garuu in yeellaasifamu.
[4] Yaa Waaqayyo, karaa kee akkan beeku godhi, daandii kees na barsiisi!
[5] Dhugaa keetiin na geggeessi, na barsiisis! Ati Waaqayyo isa na fayyisu waan taateef, ani guyyaa hundumaa sin eeggadha.
[6] Yaa Waaqayyo, gara-laafina kee fi gaarummaa kee, warra durii durii jalqabdee argisiisaa turte yaadadhu!
[7] Yaa Waaqayyo, ati gaarii waan taateef, gaarummaa keetiin na yaadadhu malee, cubbuu ijoollummaa koo fi irra-daddarbaa koo hin yaadatin!
[8] Waaqayyo gaarii dha, qajeelaa dhas, kanaafis cubbamootatti karicha in argisiisa.
[9] Inni warra gadadamoo wanta qajeelaa ta'een in geggeessa, karaa isaas isaan in barsiisa.
[10] Warra kakuu isaa fi abboommii isaa eegan hundumaaf, karaan Waaqayyoo hundinuu karaa gaarummaatii fi karaa dhugaa ti;
[11] yakki koo baay'ateera, yaa Waaqayyo, maqaa keetiif jedhii yakka koo anaaf dhiisi!
[12] Namni Waaqayyoon sodaatu eenyu” Karaa fo'achuun isaaf ta'u, Waaqayyo isatti in argisiisa.
[13] Inni gaariitti in jiraata; sanyiin isaas lafa in qabaata.
[14] Waaqayyo warra isa sodaatanitti, yaada isaa isa dhokataa iyyuu in beeksisa; kakuun isaas warra gad fageessanii hubatan isaan in godha.
[15] Waaqayyo miilla koo kiyyoo keessaa waan baasuuf, iji koo yeroo hundumaa gara isaa in ilaala.
[16] Fuula kee gara kootti deebisi, araara anatti argisiisi! Anoo kophaa koo ti, gadadamaa dhas.
[17] Garaa kootti nan dhiphadha, ati na furi! Muddama ani keessa jiru keessaas na baasi!
[18] Gadadamuu koo, rakkachuu koos ilaali, cubbuu koo hundumaas anaaf dhiisi!
[19] Diinonni koo attam akka baay'atan, hammam akka na jibbanis ilaali!
[20] Ati jireenya koo eegi, ana oolchis; ani kooluu sitti galeera, akka ani hin yeellaasifamne godhi!
[21] Ani abdiidhaan waanan si eeggadhuuf, balleessaa dhabuunii fi waan qajeelaa hojjechuun hamaa ana irraa haa eegan;
[22] yaa Waaqayyo, saba Israa'elin rakkina isaa hundumaattii furi!