Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:00

[1] Namni irra-daddarbaan isaa dhiifameef, cubbuun isaas deebi'ee akka hin argamne godhameef haa gammadu!

[2] Namni Waaqayyo yakka tokko illee irratti hin lakkoofne, yaada isaa keessas haxxummaan hin jirre haa gammadu!

[3] Yeroon cubbuu koo himachuu dhiisetti, guyyaa guutuu aaduu kootiif namummaan koo gad dhume;

[4] guyyaa fi halkan harki kee waan anatti ulfaateef, humni koo akka waan ho'i bonaa rukutetti na keessatti in goge.

[5] Yommus ani cubbuu koo sitti nan himadhe, yakka koos ani hin dhoksine; ani,“Irra-daddarbaa koo Waaqayyotti nan himadha” nan jedhe; ati immoo yakka cubbuu kootiif anatti murame anaaf dhiifte.

[6] Egaa namni siif of kenne hundinuu, yeroo rakkinaatti si barbaadee si haa kadhatus; yommus bishaan gurguddaan yeroo isatti huursanitti, isa bira hin ga'an.

[7] Ati anaaf golgaa koo ti, ati rakkina irraa ana in eegda; furuu keetiinis ililleen akka na marsu in goota.

[8] Waaqayyo,“Waan gochuun siif ta'u sin hubachiisa, karaa irra adeemuun siif ta'u sittan argisiisa; sin gorsa, ija kootiinis sin to'adha.

[9] Ati akka fardaa fi gaangoo warra waa hin hubanne hin ta'in! Luugamaa fi amartii isaatiin ofitti yoo harkifte malee, isaan sitti hin dhi'aatan” in jedha.

[10] Dhiphinni warra jal'ootaa baay'ee dha, gaarummaan Waaqayyoo garuu nama isa amanatu in marsa.

[11] Isin qajeelota nana, Waaqayyotti gammadaa ililchaas! Isin warri gara-qajeelonnis, gammaduu keessan guddisaa dhageessisaa!

Macaafota Faarfannaa — Chapters