Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:07

[1] Waaqayyoon ulfinaan jajadhu, yaa lubbuu ko, keessi namummaa koo guutummaatti maqaa isaa isa qulqulluu haa eebbisu!

[2] Waaqayyoon ulfinaan jajadhu, yaa lubbuu ko, wanta gaarii inni godhe hundumaas hin irraanfatin!

[3] Inni yakka kee siif in dhiisa, dhukkuba kee hundumaattiis si fayyisa;

[4] Jireenya kee awwaalamuu in oolcha, gaarummaa fi oo'a si gonfa;

[5] inni jireenya kee waan gaariidhaan in quufsa, dargaggummaan kees haara'ee akka joobiraa in taata.

[6] Waaqayyo qajeelummaa in hojjeta, warra cunqurfamaniifis firdii qajeelaa in baasa.

[7] Inni karaa hojii isaa Museetti, gocha isaas ijoollee Israa'elitti in beeksise.

[8] Waaqayyo oo'a-qabeessaa fi araara-qabeessa, aariitti suuta in jedha, gaarummaan isaas guddaa dha.

[9] Inni si'a hundumaa dubbii gad hin kota'u, bara baraanis akka dheekkametti hin hafu!

[10] Akka cubbuu keenyaatti nu irratti hin hojjetu, akka yakka keenyaattis nutti hin deebisu.

[11] Bantiiwwan waaqaa lafa irraa fagaachuun isaanii guddaa akka ta'e, gaarummaan Waaqayyoos akkasuma warra isa sodaataniif guddaa jabaa dha.

[12] Ba'i-biiftuu lixa-biiftuutii akka fagaatu, innis irra-daddarbaa keenya nuttii in fageessa;

[13] abbaan ijoollee isaatiif akka garaa laafu, Waaqayyos akkasuma warra isa sodaataniif garaa in laafa.

[14] Akka nuyi itti hojjetamne inni in beeka, biyyoo ta'uu keenyas in yaadata.

[15] Barri namaa akkuma margaa ti, akka daraaraa bakkees in daraara;

[16] yeroo qilleensi itti qilleensa'u, inni achii in dhabama; iddoon isaas deebi'ee hin beekamu.

[17] Gaarummaan Waaqayyoo garuu baraa hamma bara baraatti, warra isa sodaataniif, qajeelummaan isaas ijoollee ijoollee isaaniitiif itti in fufa;

[18] warra kakuu isaa eeganii, abboommii isaa raawwachuudhaaf yaadataniifis in ta'a.

[19] Waaqayyo teessoo isaa bantiiwwan waaqaa keessa dhaabbateera, mootummaan isaas waan hundumaa irratti gooftummaa qaba.

[20] Isin ergamoonni isaa warri waaqa irraa, isin jagnoonni jajjaboonni warri sagalee dubbii isaa dhaggeeffattanii, ajaja isaa raawwattan, Waaqayyoon ulfinaan jajadhaa!

[21] Isin macci isaa hundinuu, isin hojjetoonni isaa warri fedha isaa gootan, Waaqayyoon ulfinaan jajadhaa!

[22] Wanti inni uume hundinuu, mootummaa isaa keessaa iddoo hundumaatti, Waaqayyoon ulfinaan jajadhaa! Waaqayyoon ulfinaan jajadhu, yaa lubbuu ko!

Macaafota Faarfannaa — Chapters