Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:43

[1] Yaa Waaqayyo, nuyi gurra keenyaan dhageenyeerra, wanta ati bara durii sanatti goote, gochaa ati bara isaaniitti isaaniif raawwattes, abboonni keenya nutti himaniiru.

[2] Ati harka keetiin saba warra kaan ariitee baafte, isaan kana garuu jabeessitee in dhaabde; ati warra kaan in balleessite, isaan kana garuu in bal'ifte.

[3] Isaan billaa isaaniitiin laficha hin qabanne, yookiis irreen isaanii mo'icha hin laanneef; garuu ati waan isaanitti gammaddeef, mirgi kee fi irreen kee, ifni fuula kees kana isaaniif kenne.

[4] Ati mootii koo ti, yaa Waaqayyo, Yaaqoobiif mo'icha kana kan abboome si;

[5] humna keetiin diinota keenya lafaan in dhoofna, maqaa keetiinis warra nu irratti ka'an in dhidhiinna.

[6] Ani iddaa koo hin amanadhu, billaan koos mo'icha ana hin argachiisu.

[7] Ati garuu harka diinota keenyaa nu oolchiteetta, warra nu jibbanis yeellaasifteetta.

[8] Nuyi guyyaa hundumaa si Waaqayyoon of in jajna, maqaa keetiifis bara hundumaa galata in galchina.

[9] Amma garuu ati of biraa nu gattee nu salphifteetta, loltuu keenyaa wajjinis lafa duulaatti hin baane.

[10] Diinota duraa gara booddeetti deebinee akka baqannu gooteetta; warri nu jibbanis nu saamaniiru.

[11] Ati akka hoolotaa qalamuutti nu kenniteetta, saba warra kaan keessattis nu bittimsiteetta.

[12] Ati saba kee wanta gatiitti hin lakkaa'amnetti gurgurteetta, gurgura isaanii keessaas ati homaa hin buufanne;

[13] ati saba ollaa keenya jiraniif muka ga'oo, warra biyya naannoo keenyaafis ceephoo fi tuffiidhaaf nu goote.

[14] Ati sabni warri kaan akka nuyiin mammaakan, namoonni lafa irraas nu tuffatanii mataa akka nutti raasan goote.

[15] Salphinni koo guyyaa guutuu na dura jira, yeelloonis ija na fokkisiise.

[16] Kunis sababii dubbii warri ga'isanii nama arrabsan dubbataniif, diinonnis ijaa baafachuuf nama ilaalaniif ta'e.

[17] Kun hundinuu nu irra ga'eera, utuma ta'uu iyyuu nuyi si hin irraanfanne, kakuu kee keessattis nuyi amanamuu hin dhabne.

[18] Garaan keenya gara booddeetti hin deebine, tarkaanfiin keenyas daandii kee irraa hin jal'anne.

[19] Haa ta'u iyyuu malee, ati lafa waangonni jiraatanitti nu caccabsiteetta, dukkana sodaachisaas nutti uffifteetta.

[20] Maqaa kee maqaa Waaqayyo keenyaa utuu irraanfanneerra ta'ee, harka keenyas gara Waaqayyoo ormaatti utuu bal'ifneerra ta'ee,

[21] ati dhoksaa garaa namaa waan beektuuf, kana bira hin geessu turtee ree”

[22] Nuyi garuu akka hoolota qalamaniitti lakkaa'amnee, guyyaa hundumaa sababii keetiif in qalamna.

[23] Ka'i maaliif rafta” Yaa gooftaa, dammaqi, bara hundumaaf nu hin gatin!

[24] Ati maaliif fuula kee dhoksita” Gadadamuu keenyaa fi cunqurfamuu keenyas maaliif irraanfatta”

[25] Lubbuun keenya awwaara keessa gugguufteetti, dhagni keenyas lafatti maxxaneera.

[26] Ka'i! Nu gargaaruudhaaf kottu! Gaarummaa keef jedhii nu furi!

Macaafota Faarfannaa — Chapters