[1] Waaqayyo, guyyaa rakkinaatti kadhata keef deebii siif haa kennu! Waaqayyo inni kan Yaaqoob, maqaa isaatiin si haa eegu!
[2] Inni mana qulqullummaa isaa keessaa gargaarsa siif haa ergu! Irkoos Xiyoonii siif haa kennu!
[3] Inni kennaa kee hundumaa siif haa yaadatu, faaraanis gara aarsaa qalma keetii siif haa ilaalu!
[4] Waan garaan kee jaallatu siif haa kennu! Akeeka kee hundumaas siif haa raawwatu!
[5] Yommus mo'icha ati argatte irratti, guddifnee sagalee gammachuu in dhageessifna, maqaa Waaqayyo keenyaatiinis faajii keenya ol fuunee in dhaabbanna! Waaqayyo, himata kee hundumaa siif haa raawwatu!
[6] Amma Waaqayyo mootii isa ofii dibee moosiseef mo'icha akka kennu ani beeka; inni bantii waaqaa isa qulqulluu kan isaatii keessaa deebii in deebisaaf; hojii aangoo harka isaa mirgaatiin hojjetu sanaanis mo'icha in kennaaf.
[7] Kaan konkolaataadhaan, kaan immoo fardeeniin of jaju; nuyi garuu maqaa Waaqayyoo gooftaa keenyaan of in jajanna.
[8] Isaan mudhukanii in kufu, nuyi garuu jilba jabaannee ol qajeellees in dhaabanna.
[9] Yaa Waaqayyo mootii, ati mo'icha kenni! Guyyaa si waammannuttis ati nuuf deebisi!