Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:01

[1] Yaa tiksee Israa'el, ati inni Yoseefin akka hoolotaa geggeessite, dhaggeeffadhu! Ati inni teessoo kee isa Kiruubel baatan irra jirtu, ifa kee keessaan mul'adhu!

[2] Efreem, Benyaamiinii fi Minaasee duratti, jabina keetiin ka'i, nu gargaaruudhaafis kottu!

[3] Deebisii nu dhaabi, yaa Waaqayyo! Nuyi akka fayyinuttis fuulli kee nuuf haa ibsu!

[4] Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, hamma yoomiitti kadhata saba keetti aartaa”

[5] Ati buddeena imimmaanii isaan nyaachifte, imimmaanis qodaa guddaatti akka dhugan in goote.

[6] Sabni ollaa keenyaa nu irratti akka wal qoccolan goote, diinonni keenyas nutti in gai'su.

[7] Yaa Waaqayyo isa kan maccaa, deebisii nu dhaabi! Nuyi akka fayyinuttis fuulli kee nuuf haa ibsu!

[8] Ati muka waynii biyya Gibxiitii buqqiftee fiddee, saba warra kaan isa duraa ooftee baafte, isa immoo in dhaabde.

[9] Ati lafa isaa cirtee qulleessiteef, innis hidda gad fageeffatee biyyicha in guute.

[10] Gaadidduun isaa tulloota golge, damoonni isaas mukeetii gaatiraa gurguddaa gaaddiseessaniiru.

[11] Damoota isaa hamma galaanaatti, lataa isaas hamma laga Efraaxiisitti in diriirfate.

[12] Yoos immoo maaliif dallaa naannoo isaa ture diigdee, namni amma karaa sana darbu hundinuu mukicha irraa akka ciratu goote ree”

[13] Bortoleen caakkaa keessaa ba'ee isa in balleessa, bineensi bakkee sana keessa adeemu hundinuus isa in nyaata.

[14] Yaa Waaqayyo isa kan maccaa, amma as gara gali, waaqa irraa gad ilaali, ijaanis qabi! Muka waynii kanaaf dhimmi!

[15] Muka harki kee mirgaan dhaabe kana, biqiltuu isa ofii keetiif guddifatte kanas eegi!

[16] Ibiddaan isa gubaniiru, isa muraniiru; isaan immoo ifata fuula keetiin haa badan!

[17] Namicha isa harki kee mirgaa jiraachise, ilma namaa isa ofii keetii guddifatte, harka irra qabi!

[18] Yommus nuyi matumaa si irraa gara hin gallu; nuyis maqaa kee in waammanna, ati jireenya nuuf kenni!

[19] Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, deebisii nu dhaabi, nuyi akka fayyinuttis fuulli kee nuuf haa ibsu!

Macaafota Faarfannaa — Chapters