Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 0:37

[1] Amma isin hojjetoonni Waaqayyoo hundinuu, warri halkan mana Waaqayyoo keessa dhaabattan, kottaa Waaqayyoon ulfinaan jajadhaa!

[2] Gara iddoo qulqullaa'aa sanatti harka keessan ol kaasaa, Waaqayyoon ulfinaan jajadhaa!

[3] Waaqayyo inni waaqaa fi lafa uume, Xiyoon keessaa si haa eebbisu!

Macaafota Faarfannaa — Chapters