Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:48

[1] Yaa Waaqayyo ati nu gattee, humna keenya cabsitee, nutti dheekkamteetta, amma deebi'ii gara keenya gori!

[2] Ati laficha sochoofteetta, tattarsaaftees afaan bansiifteetta, cabaa isaa ati suphi, kanaa achi iddoo isaatii in sigigaata!

[3] Sabni kee rakkina cimaa akka argu gooteetta, wanta mataa nama naannesus akka daadhii wayniitti nu obaafteetta.

[4] Iddaa jalaa gara isaatti akka baqataniif, ati warra si sodaataniif faajjii ol kaafteetta.

[5] Michoonni kee akka oolfamaniif immoo, ati harka kee mirgaadhaan gargaari, nuufis deebii deebisi!

[6] Waaqayyo iddoo isaa isa qulqullaa'aa keessaa dubbatee, “Ani guddisee itti nan gammada, Sheekem kutaa biyyaa nan hira, dachaa Suukootis safaree gargar nan hira.

[7] Biyyi Gili'aad kan koo ti, biyyi Minaasees kan koo ti; biyyi Efreem gonfoo sibiilaa isa ani mataa koo ittiin eeggachuuf kaa'adhuu dha; biyyi Yihudaa siiqqee mootummaa kootii ti.

[8] Biyyi Mo'aab caabii dhiqannaa kootii ti, biyyi Edoom kan koo ta'uu isaa argisiisuudhaaf, kophee koo isa irra nan buusa; biyyi Filisxiyaa isa irratti mo'uu koo guddisee haa dhageessisu!” jedhe.

[9] Gara mandara naannoon isaa dallaa dhagaatiin marfametti, eenyutu na fida ree” Eenyutus gara Edoomitti na geessa ree”

[10] Ati garuu nu gatteetta mitii, yaa Waaqayyo” Ati yaa Waaqayyo, loltuu keenyaa wajjinis lafa duulaatti hin baatu.

[11] Warra nu cunqursan jalaa ba'uuf, gargaarsi namaa homaa waa'ee hin baasu waan ta'eef, ati gargaarsa nuuf kenni!

[12] Waaqayyoo wajjin nuyi humna in godhanna, warra nu cunqursan gad kan dhidhiitu isa.

Macaafota Faarfannaa — Chapters