[1] Waaqayyoof galata galchuun, yaa isa hundumaa gara irraa jirtuu, maqaa kee jajatanii faarfachuun maal maal gaarii dha!
[2] Ganama gaarummaa kee, halkanis amanamummaa kee himuun,
[3] sagalee mi'a ribuu kudhan qabuu fi kan kiraaraatiin, sagalee maseenqootiinis dhageessisuun gaarii dha.
[4] Ati yaa gooftaa, gocha keetiin na gammachiifteetta, hojii harka keetti gammadee nan faarfadha!
[5] Hojiin kee attam guddaa dha, yaa Waaqayyo, yaadni kees maal maal gad fagoo dha!
[6] Wallaalaan kana hin beeku, gowwaanis kana hin hubatu.
[7] Warri jal'oonni akka margaa biqila yoo tolan iyyuu, warri hamaa godhan hundinuus yoo daraaran iyyuu, isaan raawwatanii balleeffamuuf jiru.
[8] Ati garuu, yaa gooftaa! Bara baraan hundumaa gara irraa dha.
[9] Ilaa kaa, diinota kee yaa gooftaa! Ilaa diinonni kee lafa irraa in badu, warri hamaa godhan hundinuus in bittimfamu!
[10] Ati garuu gaanfa mataa kootii, akka gaanfa gafarsaatti ol anaaf kaafte, dibata ho'aas na dibde.
[11] Iji koo gad deebii diinota koo in arga, gurri koos waca warra hamoota ana irratti ka'anii in dhaga'a.
[12] Namni qajeelaan akka muka meexxii biqila in tola, akka gaatiraa Libaanosis ol in guddata.
[13] Isaan akka biqiltuu mana Waaqayyoo keessa dhaabamanii, oobdii gooftaa keenyaa keessatti in lalisu.
[14] Dulluma keessa iyyuu ija in godhatu, isaan yeroo hundumaa jiidha qabu, in lalisus.
[15] Kun qajeelina Waaqayyoo in hima; inni kattaa koo ti, isa bira immoo jal'inni hin jiru.