Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:00

[1] Waaqayyotti nuyi kooluu in galla, inni humna keenya, inni rakkina keessatti gargaaraa ta'uun isaa beekameera.

[2] Kanaafis lafti yoo diddiiramte iyyuu, tulloonnis hurgufamanii galaana walakkaa yoo buufaman iyyuu, nuyi hin sodaannu.

[3] Bishaanonni isaa huursanii yoo hoomachaa'an iyyuu, tulloonnis raafamuu isaatiin yoo roqoman iyyuu, [Waaqayyo gooftaan maccaa nuu wajjin jira, Waaqayyo inni kan Yaaqoob da'oo keenya!]

[4] Lagni bishaan isaa mandara Waaqayyoo gammachiisu tokko jira, mandarattiinis iddoo buufata aabbaa ishee qulqullooftuu dha.

[5] Waaqayyo ishee keessa waan jiruuf hin sochootu, Waaqayyo ganameeffatee ishee in gargaara.

[6] Sabni lafa irraa dheekkamanii in wacu, mootummoonnis in socho'u; Waaqayyo sagalee isaa in dhageessisa, laftis in baqxi.

[7] Waaqayyo gooftaan maccaa nuu wajjin jira, Waaqayyo inni kan Yaaqoob da'oo keenya!

[8] Kottaa, wanta Waaqayyo hojjetu, badiisa isa sodaachisaa inni lafatti fidus ilaalaa!

[9] Inni hamma andaara lafaatti duulli akka dhaabatu in godha, iddaa in cabsa, eeboos in hurreessa; inni konkolaataa harkifamu ibiddaan in guba!

[10] “Dhiisaa, gab jedhaa, ani Waaqayyo akkan ta'e beekaa! Ani saba lafa irraa gidduutti ol kaafameera; ani biyya lafaa keessatti ol kaafameera!”

[11] Waaqayyo gooftaan maccaa nuu wajjin jira, Waaqayyo inni kan Yaaqoob da'oo keenya!

Macaafota Faarfannaa — Chapters