[1] Yaa Waaqayyo, ani gadadamaa dha dhabaa dhas, gurra kee gara kootti qabi, na jalaa owwaadhus!
[2] Ani siif of kenneera ati lubbuu koo baraari, garbicha kee isa si amanatu ati gargaari! Ati Waaqayyo koo ti!
[3] Ani guyyaa guutuu gara keetti nan iyya, ati araara anatti argisiisi, yaa gooftaa!
[4] Ani hawwa lubbuu koo gara keetti ol nan kaafadha, yaa gooftaa, ati lubbuu garbicha kee gammachiisi!
[5] Yaa gooftaa, ati gaarii dha, jaalala keetiinis namaaf cubbuu isaa in dhiifta, warra si waammatan hundumaafis gaarummaan kee in baay'ata.
[6] Yaa Waaqayyo, kadhata koo gurratti fudhadhu, isa ani sitti himachuuf iyyus yaadaan anaaf qabi!
[7] Ati waan anaaf owwaattuuf, ani guyyaa rakkina kootti sin waammadha.
[8] Waaqayyolii keessa kan akka kee tokko illee hin jiru, yaa gooftaa! Waan hojjetame keessaas kan akka hojii kee hin jiru.
[9] Sabni ati uumte hundinuu in dhufu, fuula kee durattis in gombifamu, yaa gooftaa! Maqaa keetiifis ulfina in kennu.
[10] Ati guddaa dha, hojiin kees dinqisiisaa dha, si'uma duwwaatu Waaqayyo!
[11] Ani siif amanamee akkan deddeebi'utti, yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi, maqaa kee safeeffachuufis nama garaa tokkichaa na godhi!
[12] Yaa Waaqayyo gooftaa ko, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha, bara baraanis maqaa keetiif ulfina nan kenna.
[13] Gaarummaan ati ana argisiifte guddaa dha, ati lubbuu koo boolla lafa jalaa isa gad fagoo keessaa baafteetta.
[14] Yaa Waaqayyo, warri gad-dhiisatti jiraatan ana irratti ka'an, gareen warra nama sodaachisaniis jireenya koo balleessuu in barbaadu; isaan kun of dura si hin buufanne.
[15] Ati garuu yaa gooftaa, Waaqayyo oo'a-qabeessaa fi araara-qabeessa; aariitti suuta jetta, gaarummaan kee fi amanamummaan kee immoo guddaa dha.
[16] Gara kootti gara gali, araara anatti argisiisi, humna kee garbicha keetiif kenni, ilma garbittii keetiis oolchi!
[17] Milikkinni gaarummaa kee ana irratti akka argamu godhi, yaa Waaqayyo, akka ati na gargaarte, akka ati na jajjabeessites, warri ana jibban arganii haa yeella'an.