[1] Yaa Waaqayyo, ati Waaqayyo koo ti, ani sin barbaada; lubbuun koo akkuma bishaanii si dheebotti, akka lafti bishaan dhabee, gogee dhama of keessaa fixus, foon koo si yaadee in gaggaba;
[2] kana irraa kan ka'es aangoo kee fi ulfina kee arguudhaaf iddoo kee isa qulqullaa'aa keessa ijaan sin barbaaddadhe.
[3] Gaarummaa kee argachuun, jireenya ani amma jiraadhu irra in wayya, kanaafis arrabni koo si jajata;
[4] ani hamman jirutti sin galateeffadha, harka koo ol qabees maqaa kee nan waammadha.
[5] Lubbuun koo akka waan ani coomaa fi dhuka nyaadheetti in quufti, afaan koo arraba ililleetiin si jajata.
[6] Lafa ciisicha kootti sin yaadadha, yeroon ilaalaa bulus waa'ee kee nan yaada;
[7] ati gargaarsa anaaf taateetta, gaaddisa bobaa kee jalattis sagalee gammachuu nan dhageessisa;
[8] lubbuun koo sitti in maxxana, harki kee mirgaas qajeelchee ol na qaba.
[9] Warri jireenya koo balleessuu barbaadan garuu, boolla lafa jalaa isa gad fagoo keessa lixuuf jiru.
[10] Billaa afaan in bu'u, irbaata waangoos in ta'u.
[11] Mootichi garuu Waaqayyotti in gammada, namni maqaa Waaqayyootiin kakatu hundinuu of in jaja; afaan warra sobduu immoo in cuqaalama.