Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:13

[1] Yaa Waaqayyo aangoo ko, ani sonaan sin jaalladha;

[2] Waaqayyo kattaa koo, masaraa koo, oolchaa koo tis; Waaqayyo koo da'oo dhagaa isa ani kooluu itti galuu dha; gaachana koo, isa akka gaanfaa fayyina koof faccisu, iddoo dhokannaa koo isa ol jedhaa dhas.

[3] Waaqayyoon isa jajamaa nan waammadha, inni immoo harka diinota koo na oolcha.

[4] Hidhaan du'aa na marsan, dha'aan bishaan badiisaas na naasise;

[5] hidhaan qilee na xaxan, furgaasaan du'aas na qabate;

[6] rakkina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe, gargaarsaaf Waaqayyo koottan iyyadhe; inni immoo mana qulqullummaa isaa keessaa sagalee koo dhaga'e, isa duratti gargaarsaaf iyyuun koos gurra isaa bira anaaf ga'e.

[7] Yommus lafti rom'itee tochoote; sababii aariin isaa boba'eefis, hundeen tullootaas immoo hurgufamanii raafaman;

[8] funyaan isaa keessaa aarri in yaa'e, afaan isaa keessaas ibiddi xaph godhu in ba'e; barbadaan giimiin isa biraa in boba'e.

[9] Inni bantiiwwan waaqaa gugguufsisee gad bu'e, duumessi gurraachi dukkanaa'aan miillan isaa jala ture.

[10] Inni Kiruub irra taa'ee in balali'e, baalleewwan qilleensaatiinis shuf jedhee dhufe;

[11] naanna'aa isaa dukkanni akka golgu godhe, duumessa dukkanaa'aa bishaan keessa guutes godoo isaa in godhate.

[12] Calaqqisa fuula isaa dura jiru keessaa immoo, dhagoonni cabbii fi barbadaan ibiddaa, tarsaasanii duumessicha keessa in ba'an.

[13] Waaqayyo bantiiwwan waaqaa keessaa kakawweessa'e, aabba inni hundumaa gara irraa jirus [dhagoota cabbii fi barbadaa ibiddaatiin] sagalee isaa in dhageessise;

[14] inni xiyya isaa gad dhiisee diinota bittimse, balaqqeessa bakakkaatiinis gara itti goran isaan in wallaalchise.

[15] Dheekkamsa keetiin yaa Waaqayyo, rukuttaa aara funyaan kee keessaa ba'etiinis, maniin bishaanotaa in mul'atan, hundeewwan biyya lafaas qullaatti in baafaman.

[16] Inni ol gara irraadhaa gad hiixatee na qabe, bishaan gurguddaa keessaa harkisee na baase;

[17] inni harka diina koo isa jabaa, akkasumas harka warra na jibbanii humnas na caalanii na oolche.

[18] Yeroo rakkinni ana irra ga'etti isaan ana irratti lafa dha'an, Waaqayyo garuu irkoo koo ture;

[19] inni gara iddoo bal'aatti na baasee, waan anatti gammadeef na oolche.

[20] Waaqayyo akka qajeelummaa kootti kana anaaf godhe, akka qulqullina harka koottis dugda anaaf deebise.

[21] Ani karaa Waaqayyoo duukaa bu'eera; jal'inaanis Waaqayyo koottii gargar hin baane.

[22] Wanti isa duratti qajeelaa ta'an hundinuu fuula koo dura turan, seerrata isaa hundumaas of irraa hin butne.

[23] Ani balleessaa maleen isaa wajjin ture yakka hojjechuuttiis of nan eeggadhe.

[24] Waaqayyo immoo akka ani qajeelaa ta'e mul'adhetti, akka harki koo ija isaa duratti qulqulluu ta'ee argamettis, dugda anaaf in deebise.

[25] Nama gaarummaa argisiisutti, atis gaarummaa in argisiifta; nama hin balleessinetti, atis itti hin balleessitu.

[26] Isa of qulleessutti, ati ofii keetii qulqullaa'aa ta'uu kee in mul'ifta, nama micciiramaa immoo akka micciiramummaa isaatti qabuu kee itti in mul'ifta.

[27] Ati saba gad qabamaa in oolchita, warra mataa irra-keessa qabatanii adeeman immoo, lafa in ilaalchifta.

[28] Yaa Waaqayyo, ibsaan koo haleelee akka ifu in goota, yaa Waaqayyo gooftaa ko, dukkana koo in ibsita.

[29] Eyyee, ani siin kutata loltuu diinaatti nan bu'a, Waaqayyo kootiin gelaa irra iyyuu nan utaala.

[30] Waaqayyo kun karaan isaa mudaa hin qabu, dubbiin isaa dhugaa ta'uu isaa amansiiseera; Waaqayyo warra isatti kooluu galan hundumaaf gaachana.

[31] Goofticha malee Waaqayyo eenyu ree” Waaqayyo keenya malees kattaa jabaan eenyu ree”

[32] Waaqayyo kun, isa mudhii koo humnaan hidhachiisee isa karaan koo mudaa akka hin qabaanne godhee dha;

[33] miilla koo ariifataa akka miilla biichee anaaf godhe kaarra gubbaas ana dhaabachiise;

[34] irreen koo iddaa sibiila diimaa akka dabsutti, inni harka koo lola in barsiise.

[35] Gargaarsa kee gaachana gootee anaaf laatte, harki kee mirgaas ana in hirkise; anatti gad dhi'aachuun kees na guddise.

[36] Tarkaanfii miilla kootiif na jalatti iddoo bal'aa anaaf laatte, gulubiin koos ana jala gara hin galle;

[37] ani diinota koo ari'ee isaan nan qaqqabe, hamma isaan dhumanittis ani gara booddeetti hin deebine.

[38] Akka isaan deebi'anii hin kaanetti immoo, ani rukutee isaan nan caccabse, isaanis miilla koo jalatti in kufan.

[39] Ati lola sanaaf mudhii koo humnaan hidhachiifteetta, warri ana irratti ka'anis na jalatti akka gombifaman in goote.

[40] Ati diinonni koo dugda duuba deebi'anii akka na baqatan goote, ani immoo warra na jibban nan balleesse.

[41] Isaan gargaarsaaf iyyan, garuu tokko illee kan isaan gargaaru hin turre, gara Waaqayyootti iyyan, inni garuu isaaniif hin deebifne.

[42] Akka awwaara qilleensi fudhatutti ani caccabsee isaan nan bulleessa, akka dhoqqees karaa keessatti isaan nan dhooba.

[43] Ati saba wal lolu keessaa na baaftee, saba warra kaaniif mataa akkan ta'u gooteetta; namoonni saba ani hin beeknees anaaf in hojjetan.

[44] Waa'ee koo gurrumaan dhaga'uudhaan anaaf abboomaman, warri ormaas gugguufaa gara koo in dhufan;

[45] ijoolleen ormaa in dadhaban, rom'aas iddoo cufatanii taa'an keessaa ba'an.

[46] Waaqayyo jiraataa dha! Kattaan koos jajamaa dha! Waaqayyo fayyina kootiis ol ol haa qabamu!

[47] Waaqayyo inni ijaa baasuu anaaf kenne, saba lafa irraas harka koo jala galche;

[48] harka diinota kootii keessaa immoo na baase; eyyee, ati warra ana irratti ka'an gara irraatti, ol na qabdeetta, namoota humna anatti argisiisan harkaas na butatteetta.

[49] Kanaaf yaa Waaqayyo, ani saba hundumaa keessatti sin jajadha, faarfannaa galataatiinis maqaa kee nan faarfadha.

[50] Mootii isa kan isaatiif fayyina guddaa isa kennu, gaarummaa isaa isa ofii isaatii dibetti, Daawitii fi sanyii isaattis bara baraan isa argisiisu, Waaqayyoon faarfachuu koo ti.

Macaafota Faarfannaa — Chapters