[1] Yaa Waaqayyo, diinonni koo attam baay'ee dha! Baay'een kan ana irratti ka'an jiru.
[2] Baay'een waa'ee koo in dubbatu, “Inni Waaqayyo biraa gargaarsa hin qabu” in jedhu.
[3] Ati garuu yaa Waaqayyo, naannoo kootti gaachana anaaf in taata; ati ulfina koo ti, mataa koos ol ol in qabda.
[4] Ani sagalee koo ol fuudheen Waaqayyoon waammadha, inni immoo tulluu isaa isa qulqulluu irraa deebii anaaf in kenna.
[5] Ani nan ciisa, nan rafa, Waaqayyo waan ol na qabuuf deebi'ee nan dammaqa.
[6] Ani warra kumaatama ana irratti ka'anii na marsan hin sodaadhu.
[7] Ka'i yaa Waaqayyo, na gargaari yaa gooftaa ko! Ati diinota koo hundumaa mangaagaa in rukutta, ilkaan warra jal'ootaas in caccabsita.
[8] Gargaarsi Waaqayyo bira jira; eebbi kee saba kee irra haa jiraatu!