Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:23

[1] Waaqayyo guddaa dha, mandara isaa keessatti tulluu isa qulqullaa'aa irrattis guddisee kan jajamuu dha!

[2] Tulluun Xiyoon inni ol ka'inni isaa miidhagaan, guutummaa lafa kanaaf gammachuu dha; inni mandara mootii guddichaa keessaa, gara bitaatti ol fagaatee jira.

[3] Mana ishee warra jajjaboo keessatti Waaqayyo ofii isaatii, da'oo amanamaa isheedhaaf ta'uu isaa mul'iseera.

[4] Kunoo, mootonni walitti in qabaman, wal duukaas itti in adeeman.

[5] Akkuma kana arganiin na'anii in dinqifatan, wareeranii baqa keessaa fuudhan.

[6] Achitti rom'uun isaanitti dhufe, akka dubartii da'uuf ciniinsifattus muddamni isaan in qabate.

[7] Akka markaboota gara buufata Tarshiishitti adeemanii, warra qilleensa gara ba'a-biiftuutiin hurreeffamanii in ta'an.

[8] Waaqayyo bara baraan mandara isaa jabeessee akka dhaabu, akkuma dhageenye akkasumas mandara gooftaa maccaa, isa kan Waaqayyo keenyaa irratti argineerra.

[9] Yaa Waaqayyo, mana qulqullummaa kee keessatti, nuyi gaarummaa kee yaadanneerra.

[10] Yaa Waaqayyo, akkuma maqaan kee fagoo ga'e, jajuun kees andaara lafaa in ga'a; harka kee mirgaa keessa qajeelinni guuteera.

[11] Firdii dhugaa ati laattuuf tulluun Xiyoon haa gammadu, mandaroonni Yihudaas haa ililchan!

[12] Mandara Xiyoon naanna'aa, ishees marsaa, riqaa dhagaa ishee keessatti ijaaramanis lakkaa'aa!

[13] Dhaloota dhufutti akka himtaniifis dallaa ishee yaadaan qabaa, mana ishee warra jajjaboo keessa adeemaa!

[14] Inni kun Waaqayyo akka ta'e, yeroo hundumaa bara baraan Waaqayyo keenya, ammaa hamma du'a garasiittis geggeessaa keenya ta'uu isaa himaa!

Macaafota Faarfannaa — Chapters