Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:15

[1] Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera, ati yoom iyyuu akka ani hin yeellaasifamne godhi, ati qajeelaa dha, ana oolchi!

[2] Gurra kee gara kootti qabi, ariifadhuu kana jalaa na baasi, ati kattaa ani itti baqadhee oolu anaaf ta'i, ana oolchuufis mana masaraa jabaa anaaf ta'i!

[3] Ati kattaa, masaraas anaaf taateetta; maqaa keetiif jedhii karaa irra ana buusi, ana geggeessis!

[4] Ati hofkalchaa koo waan taateef, kiyyoo anaaf dhoksan keessaa na baasi!

[5] Yaa gooftaa, ati Waaqayyo amanamaa dha, ati ana furteetta; ani immoo hafuura koo harka keetti nan kennadha.

[6] Namoota waaqayyolii tolfaman warra waa'ee hin baafne safeeffatan, ani nan jibba, ofii kootii garuu Waaqayyoon nan amanadha.

[7] Ati gadadamuu koo argiteetta, muddama lubbuu koos anaaf beekteetta; kanaaf sagalee gammachuu nan dhageessisa, gaarummaa keettis nan gammada.

[8] Miilli koo iddoo bal'aa irra qajeelee akka dhaabatu in goote malee, ati harka diinota kootti dabarsitee ana hin kennine.

[9] Yaa Waaqayyo, ati araara anatti argisiisi! Ani rakkinattan jira, gadda irraa kan ka'e iji koo arguu dadhabe, lubbuun koo, namummaan koos gad in adeeme.

[10] Barri jireenya koo gaddaan, waggoonni koos aadnaadhaan darbaniiru; humni koo yakka koo irraa kan ka'e laafeera; lafeen koos qorqameera;

[11] warra na cunqursan duratti arrabsoodhaaf, olloota kootiifis muka ga'oo nan ta'e; warra ana beekan dhagnatu suuka'a; warri karaatti ana argan na baqatu.

[12] Ani akka nama du'etti yaada namaa keessaa irraanfatameera, akka qodaa cabaas ta'eera;

[13] “Doorsisi karaa hundumaa isa naanna'ee jira” kan jedhu, hasaasa diinota baay'ee nan dhaga'a; wal ga'anii ana irratti mari'atu, lubbuu koo baasuufis anatti in malu.

[14] Ani si amanadheera yaa Waaqayyo, “Ati Waaqayyo koo ti” jedheera.

[15] Barri koo hundinuu si harka jira, harka warra diina anatti ta'anii fi warra na ari'atanii na oolchi!

[16] Fuulli kee garbicha kee irratti akka ibsu godhi, gaarummaa keetiin ana gargaari!

[17] Yaa Waaqayyo, ani si waammadheera; ani akka hin yeellaasifamne anaaf godhi! Warri jal'oonni haa yeellaasifaman, gara iddoo lafa jalaatti gad bu'anii, calluma haa jechisiifaman!

[18] Afaan sobduun kooraa fi tuffiidhaan salphisee nama qajeelaa irratti dubbatu haa hidhamu.

[19] Wanti gaariin inni ati warra si sodaataniif keesse, gaarummaan inni ati ilmaan namootaa duratti warra kooluu sitti galanitti argisiifte, attam baay'ee dha!

[20] Ati waan namoonni koratanittii fuula kee duratti golbooba keetiin isaan in eegda; qoccolloo duraas godoo kee keessa isaan in dhoksita.

[21] Yeroo ani mandara marfame keessa turetti, Waaqayyo gaarummaa isaa isa dinqisiisaa na argisiiseera; kanaaf maqaan isaa haa eebbifamu!

[22] Ani illee yeroon waanan godhu wallaale, “Ani si arguu irraa citeera” jedheen ture; ati garuu sagalee himata koo, isa ani gargaarsaaf sitti iyyadhe anaaf dhageesseetta.

[23] Isin warri isaaf of kennitan hundinuu Waaqayyoon jaalladhaa! Waaqayyo warra amanamoo in eega, koortuudhaaf garuu isa inni hojjete irra dabarsee in deebisaaf.

[24] Isin warri Waaqayyoon eeggattan hundinuu, jabaadhaa, laphee jabaadhaas!

Macaafota Faarfannaa — Chapters