[1] Waammata koo dhaga'i, yaa Waaqayyo! Kadhata koos yaadaan qabi!
[2] Erga garaan koo citee andaara lafaatii sin waammadha, kattaa ol ka'aa ani bira ga'uu hin dandeenyeen na ga'i!
[3] Ati anaaf iddoo kooluu itti galanii dha, diina duratti ati riqaa dhagaa isa jabaa dha.
[4] Bara hundumaaf godoo kee keessa utuun buufadhee! Gaaddisa bobaa kee jalattis utuun kooluu galee!
[5] Yaa Waaqayyo, ati wareega koo dhageesseetta, isa warri maqaa kee sodaatan argatanis anaaf kenniteetta.
[6] Bara jireenya mootichaatti bara dabali, waggoonni isaas dhalootaa gara dhalootaatti haa darban!
[7] Bara hundumaas fuula Waaqayyoo dura teessoo irra haa taa'u! Gaarummaanii fi amanamummaan akka isa eeganiif abboomi!
[8] Guyyaa guyyaatti wareega koo of irraa baasuuf, yeroo hundumaa mi'a garaa garaatiin maqaa kee nan faarfadha!