Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:45

[1] Kottaa Waaqayyoon in faarfannaa! Kattaa isa itti baqannee oollutti gammaduu keenyas in dhageessifna.

[2] Galataan fuula isaa duratti in dhi'aanna, isatti gammaduu keenya faarfannaadhaan in dhageessifna.

[3] Waaqayyo gooftaa isa guddaa waan ta'eef, waaqayyolii hundumaa irrattis inni mootii guddaa dha;

[4] lafa jalaa iddoon gad fagoon harka isaa keessa jira, bantiin tullootaas kan isaa ti;

[5] galaanonni kan isaa ti, isatu isaan hojjete, lafti gogaanis kan isaa ti harka isaatu isa tolche.

[6] Kottaa in sagannaa gadis in jennaa, Waaqayyo uumaa keenya durattis in jilbeenfannaa!

[7] Innoo Waaqayyo keenya, nuyi saba harka isaa jala jirruu dha, hoolota inni tiksuu dhas har'a sagalee isaa utuu dhaggeeffattanii attam gaarii dha!

[8] Akkuma Mariibaa iddoo morkii sanatti, akka gaafa Maasaa iddoo qoramaa isa lafa onaa keessaatti isin mata-jabeeyyii hin ta'inaa!

[9] Abaabiliin keessan achitti na qoran, wanta ani godhe utuma arganii qoranii na ilaalan.

[10] Waggaa afurtamaaf dhaloota akkasii arguu na jibbisiise, ani,“Isaan saba garaan isaa karaa irraa kaatuu dha, karaa koos beekuu hin barbaadan;

[11] Kanaafan aaree, “Matumaa biyya boqonnaa isa ani qopheessetti hin galan” jedhee kakadhe” jedhe.

Macaafota Faarfannaa — Chapters