Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:07

[1] Yeroo sabni Israa'el Gibxi keessaa, manni Yaaqoob saba afaan ormaa dubbatu keessaa ba'e,

[2] Yihudaan mana qulqullummaa isaa, Israa'elis lafa mootummaa isaa ta'e.

[3] Galaanni argee in baqate, lagni Yordaanosis gara booddeetti in deebi'e.

[4] Tulloonni akka korbeeyyii hoolaa, gaaronnis akka ilmoolee in quruphisan.

[5] Yaa galaana nana, maal taatee baqatte” Yaa laga Yordaanos, maaliif gara booddeetti deebite”

[6] Yaa tullootaa, maaliif akka korbeeyyii hoolaa, yaa gaarotaa, maaliif akka ilmoolee quruphiftan?

[7] Yaa lafaa, fuula gooftaa duratti, fuula Waaqayyo isa kan Yaaqoob duratti holladhu!

[8] Inni kattaa kuufama bishaaniitti, dhagaa qarsaas burqituu bishaaniitti isa diddiiruu dha.

Macaafota Faarfannaa — Chapters