Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:11

[1] Yeroo Waaqayyo warra Xiyoonitti galan deebisee fide, nuyi akka warra abjuu abjootanii taane.

[2] Yommus nuyi kolfa duwwaa taane, arrabni keenyas sagalee gammachuu guddisee dhageessise; saba lafa irraa keessatti immoo, “Waaqayyo waan guddaa isaaniif hojjetee argisiise” jedhamee in dubbatama.

[3] Waaqayyo waan guddaa nuuf hojjetee argisiiseera; nuyi warra gammachuu in taane!

[4] Akkuma biyya gara mirgaatii manii bishaanii isa goge deebiftee guuttu, yaa Waaqayyo, iddootti nu deebisi!

[5] Warri imimmaan dhangalaasaa sanyii facaasan, sagalee gammachuu dhageessisaa in haammatu.

[6] Inni sanyii facaafamuu baatee boo'aa adeemu, bissii isaa baadhatee, sagalee gammachuu dhageessisaa deebi'ee in gala.

Macaafota Faarfannaa — Chapters