Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:18

[1] Waaqayyo walga'ii waaqaa keessa in dhaabata, waaqayyolii gidduuttis inni firdii in dabarsa.

[2] Inni,“Isin hamma yoomiitti jal'inaan faraddu” Hamma yoomiittis warra jal'ootaaf loogdu”

[3] Warra dadhaboo fi warra abbaan irra hin jirreef dhugaa baasaaf, warra gadadamoo fi warra homaa hin qabne qajeeltootti ilaalaa!

[4] Warra dadhaboo fi warra waan barbaachisaa dhaban furaa, harka warra jal'ootaa keessaas isaan oolchaa!” in jedha.

[5] Isaan beekumsa yookiis hubannaa hin qaban, dukkana keessa in deddeebi'u; hundeen lafaa hundinuu raafamaa dha!

[6] Ani illee, “ ‘Isin waaqayyolii dha, isin hundumti keessan ilmaan isa hundumaa gara irraa jiruu ti” jedhee dubbadheera.

[7] Haa ta'u iyyuu malee, isin akka namootaa in duutu, warra gurguddoota keessaa akkuma isa tokkoos in kuftu” jedhe.

[8] Saba hundumaa kan kee waan godhatteef, ka'i yaa Waaqayyo, biyya lafaaf firdii kenni!

Macaafota Faarfannaa — Chapters