[1] Lubbuun koo gab jettee Waaqayyoon duwwaa in eeggatti, gargaarsi koo isa biraa in dhufa.
[2] inni kophaa isaa kattaa koo, gargaarsa koo, da'oo koo tis, egaa ani guddisee iddoo kootii hin mittiqu!
[3] Hamma yoomiitti nama tokko loluudhaaf itti fiigdu ree” Hamma yoomiittis isin hundumti keessan, akka keenyan duufeetti, akka dallaa sekera'ee raafamuuttis, isa lafaan dha'uu yaaddu ree”
[4] Isaan iddoo isaa isa ulfinaatii, gad isa darbachuu duwwaa in akeekkatu; wanti sobaa isaanitti in tola, afaan isaaniitiin in eebbisu, keessa garaa isaaniitiin garuu in abaaru.
[5] Lubbuun koo gab jettee Waaqayyoon duwwaa in eeggatti, abdii koo isa irra nan kaa'adha.
[6] Inni kophaa isaa kattaa koo, gargaarsa koo, da'oo koo tis, egaa ani iddoo kootii hin mittiqu!
[7] Waa'een oolfamuu kootii fi ulfina kootii, Waaqayyo harka jira; kattaan koo inni aango-qabeessi, iddoon ani kooluu itti galus Waaqayyo bira jira.
[8] Isin yaa warra saba isaa taatanii, yeroo hundumaa isa amanadhaa! Wanta garaa keessanitti yaaddan isa duratti dhangalaasaa! Waaqayyo isa nuyi kooluu itti galluu dha.
[9] Namni xinnaan qilleensa, homaas miti, namni guddaan soba, dhugaas miti; miijana irratti ol in ka'u, walumatti qabaan isaanii immoo qilleensa caalaa in salphatu.
[10] Wanta doorsisaan argamu hin amanatinaa, wanti saamichaan argamus akka qilleensaa ta'uu isaa beekaa, qabeenyi yoo guddates garaa keessan isa irra hin kaa'atinaa!
[11] Waaqayyo takkaa dubbateera, aangoon kan isaa akka ta'e, lammaffaas dubbateera, anis kana dhaga'eera.
[12] Gaarummaan kan kee ti, yaa gooftaa! Ati namaaf akka hojii isaatti, gatii isaa in deebifta!