Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:25

[1] Gowwoonni garaa isaaniitti, “Waaqayyo hin jiru” in jedhu; isaan amalli isaanii manca'aa dha, wanta ciiggaasisaa in hojjetu, namni waan gaarii godhu tokko illee hin jiru.

[2] Ogeessonni Waaqayyoon barbaadan, yoo jiraatan arguudhaaf, Waaqayyo bantii waaqaa keessaa, ilmaan namootaa gad in ilaala;

[3] hundinuu karaa irraa goraniiru, hundinuus wal ga'anii manca'aniiru, namni gaarii godhu tokko illee hin jiru, lakkii, tokko iyyuu hin jiru.

[4] Warri hamaa hojjetan hundinuu homaa hin hubatanii ree” Warri akkuma buddeena nyaatan saba koo nyaatanis, Waaqayyoon hin waammatanii ree”

[5] Kunoo, isaan sun naasuu guddaatti in kufu, Waaqayyo dhaloota qajeelaa wajjin jira'o;

[6] isin akeeka nama gadadamaa isa harkaa in gattu; inni garuu Waaqayyotti kooluu galeera.

[7] Xiyoon keessaa Israa'eliif fureen utuma ba'ee! Yeroo Waaqayyo saba isaatiif adda kennuuf, Yaaqoob in burraaqa, Israa'elis in gammada.

Macaafota Faarfannaa — Chapters