Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:05

[1] Waaqayyo mootii dha, inni surraa uffate, aangoos uffatee akka hidhannaattis isa hidhate; biyyi lafaa jabaatee in dhaabata, iddoo isaatiis hin butatu.

[2] Teessoon kee durii durii jalqabee jabaatee in dhaabata; ati bara durii durii jalqabdee jirta.

[3] Bishaanonni yaa'an ol ka'aniiru, yaa Waaqayyo, bishaanonni yaa'an huursaa isaanii ol kaasaniiru, bishaanonni yaa'an bubbisuu isaanii ol kaasaniiru.

[4] Huursaa bishaan baay'ee surraa qabu caalaa, dha'aa galaanaa isa humnaan wal rukutu caalaas, Waaqayyo inni hundumaa gara irraa jiru surra-qabeessa!

[5] Abboommiin siif dhugaa ba'u, guddaa amanamaa dha, manni kee guyyaa hundumaa qulqullummaatti eegamuun in ta'a, yaa Waaqayyo!

Macaafota Faarfannaa — Chapters