Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:03

[1] Yoseef immoo abbaa isaa irratti lafa dha'ee isa dhudhungatee isaaf boo'e.

[2] Yoseef ergasii hojjetoota isaa warra hojii qorichaa beekan, reeffa abbaa isaa qorichaan sukkuumanii akka gogsaniif in abboome; warri hojii qorichaa beekan sun, reeffa Israa'el qorichaan sukkuumanii in gogsan.

[3] Reeffa qorichaan sukkuumanii gogsuun guyyaa afurtama waan fudhatuuf, isaan guyyaa afurtamatti in raawwataniif; warri Gibxiis guyyaa torbaatama isaaf boo'an.

[4] Guyyoonni isaaf itti boo'an raawwatamnaan, Yoseef gurguddoota mana mootichaan,“Faara tolaadhaan na ilaaltu yoo taatan, dubbii ani isinitti himadhu kana gurra mootichaa biraan anaaf ga'aa!

[5] Abbaan koo utuu hin du'in,“Biyya Kana'aanitti iddoo ani awwaalaaf qopheeffadhe sanatti ana awwaali!” jedhee akkan kana godhuufis na kaksiiseera; kanaaf hadaraa,“Ol ba'ee abbaa koo awwaalee nan deebi'a” jedheera, jedhaatii anaaf himaa!” jedhe.

[6] Yommus mootiin Gibxii,“Akkuma inni si kaksiifatetti ol ba'ii abbaa kee awwaalladhu!” jedheen.

[7] Kana irratti Yoseef reeffa abbaa isaa awwaaluudhaaf fuudhee ol in ba'e; maanguddoonni hojii mana mootichaa irra jiran hundinuu, maanguddoonni biyya Gibxii hundinuus isaa wajjin ol ba'an.

[8] Akkasumas warri mana Yoseef, obboloonni isaa, warri mana abbaa isaas hundinuu duukaa ol ba'an; isaan ijoollee duwwaa bushaayee fi saawwan biratti biyya Gooshenitti hambisan.

[9] Akkasuma immoo konkolaattonni kottee duudaadhaan harkifaman, aboonni fardeeniis isaa wajjin ol ba'an; kutanni warra wajjin ol ba'anii sun baay'ee guddaa ture.

[10] Isaan laga Yordaanos gama oobdii Axaad bira ga'anii, achitti boo'icha ulfaataa cimsanii boo'an; Yoseef achitti guyyaa torba abbaa isaaf in boossise.

[11] Warri biyya Kana'aan keessa taa'an boo'icha namoonni oobdii Axaad biraa boo'an arganii,“Warri Gibxii boo'icha guddaa isaa boo'uutti jiru” waliin jedhan; kanaaf iddoo sana “Abeel-Miizraayim” jedhanii moggaasan; [innis “Boo'icha warra Gibxii” jechuu dha]; iddoon sun laga Yordaanos gamatti argama.

[12] Yommus ilmaan Yaaqoob akkuma inni isaan abboome in godhan.

[13] Ilmaan isaa reeffa isaa biyya Kana'aanitti geessanii, holqa maasii Makfelaa keessatti awwaalan; maasii isa fuullee Mamree jiru kana Abrahaamtu lafa awwaalaa akka ta'uuf Efron namicha biyya Heet irraa bitee ture.

[14] Yoseef reeffa abbaa isaa erga awwaalee booddee, obboloota isaa fi warra awwaala abbaa isaaf isa duukaa ol ba'an hundumaa wajjin biyya Gibxiitti in deebi'e.

[15] Obboloonni Yoseef erga abbaan isaanii du'ee yaadda'anii,“Yoseef haaloo qabatee, isa nuyi hamaa isa irratti hojjenne hundumaaf ijaa nu baafata ta'a” jedhan.

[16] Isaan Yoseefitti erganii,“Abbaan kee utuu hin du'in nu abboomee,

[17] “Maaloo, isa obboloonni kee sitti balleessan, hamaa si irratti hojjechuudhaan isa si yakkanis, isaaniif dhiisi!” jedhaatii Yoseefitti himaa!” nuun jedhe;“Ammas immoo obboloonni kee,“Irra-daddarbaa garboota Waaqayyo isa kan abbaa keetii, hadaraa nuuf dhiisi!” siin jedhaniiru” jedhan; Yoseef ergaa isaanii yommuu dhaga'e in boo'e.

[18] Obboloonni isaas dhufanii miilla isaatti kufanii,“Kunoo, nuyi siif garboota in taana!” jedhan.

[19] Yoseef immoo isaaniin,“Hin sodaatinaa! Anatu iddoo Waaqayyootti ilaalamaa ree”

[20] Isin hamaa ana irratti akeektan, Waaqayyo garuu gaariidhaaf isa yaade; inni lubbuu namoota baay'ee oolchuudhaaf, akka amma ta'e jiru kana godhe.

[21] Amma immoo isin, ijoolleen keessanis waan barbaachisu akka argattan ani nan godhaa, hin sodaatinaa!” jedhe; inni dubbii garaa isaan ciibsu isaanitti dubbatee, isaan in jajjabeesse.

[22] Yoseefii fi maatiin abbaa isaatii biyya Gibxii in taa'an; Yoseef waggaa dhibbaa fi kudhan jiraate.

[23] Inni ijoollee Efreem hamma dhaloota sadiitti in arge; akkasuma immoo ijoollee Maakiir ilma Minaasee ijoollee ofii dhalchetti lakkaa'ate.

[24] Yoseef yommus obboloota isaatiin,“Ani du'uufan jedha; Waaqayyo garuu isin in yaadata, biyya kana keessaa gara biyya isa Abrahaam, Yisihaq, Yaaqoobiif kennuuf kakatetti ol isin in baasa” jedhe.

[25] Yoseef ammas ilmaan Israa'eliin,“Waaqayyo yommuu isin yaadatu, lafee koo asii fuutanii akka ol baatan anaaf kakadhaa!” jedhe.

[26] Yoseef nama waggaa dhibbaa fi kudhanii yeroo ta'etti in du'e; namoonnis reeffa isaa qorichaan sukkuumanii gogsanii, biyya Gibxiitti bidiruu addaan miidhagfamee reeffa keessa ciibsuudhaaf hojjetame keessa in kaa'an.

Seera Uumamaa — Chapters