Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:45

[1] Yeroo namoonni biyya lafaa irratti baay'achuu jalqabanitti, durboonnis yeroo dhalataniifitti,

[2] warri waaqa irraa “Ilmaan Waaqayyoo” jedhaman, durboonni namootaa mimmiidhagoo akka ta'an arganii, isaan keessaa akkuma fo'atanitti fuudhanii haadha manaa godhatan.

[3] Yommus Waaqayyo,“Namni akkuma foonicha isa uffate sanaa waan ta'eef, hafuurri koo yeroo hundumaa isa keessa hin jiraatin! Barri jireenya namaas waggaa dhibbaa fi digdama haa ta'u!” jedhe.

[4] Bara sanatti, isa booddees gootonni hojjaadhaa fi humnaan fagoo nama caalan biyya lafaa irra turan; jagnoonni bara durii maqaa qaban kun, erga warri waaqa irraa “Ilmaan Waaqayyoo” jedhaman durboota namootaa bira ga'anii, isaan irraa ijoollee godhatanii argaman.

[5] Waaqayyo yommus, jal'inni namaa lafa irratti baay'achuu isaa, wanti namni guyyaa hundumaa garaa isaatti yaadee qopheessu hundinuus jal'aa duwwaa ta'uu isaa in arge.

[6] Waaqayyo nama lafa irratti uumuu isaa in jibbe, guutummaa garaa isaatiinis in gadde.

[7] Waaqayyo,“Nama isa ani uume lafa irraa nan haxaa'a; nama, horii qe'ee, bineensa, wanta lafa irra munyuuqu, warra qilleensa keessa balali'anis akkasuma nan godha; anoo isaan uumuu koo jibbeera” jedhe.

[8] Nohi garuu Waaqayyo duratti faara tolaadhaan ilaalame.

[9] Nohi dhaloota sana keessatti nama qajeelaa, nama balleessaa hin qabnes ture; inni karaa Waaqayyoo irra deddeebi'uudhaan Waaqayyoo wajjin jiraate; hiddi dhaloota sanyii Nohi kanatti fufee in lakkaa'ama.

[10] Ilmaan Nohi dhalche sadan Seem, Kaam, Yaafet.

[11] Lafti immoo fuula Waaqayyoo duratti manca'aa ta'e, humnaan wal irratti ka'uudhaanis in guute.

[12] Waaqayyo gara biyya lafaa ilaalee, kunoo, lafti akka mancaafame, uumamni foon uffate hundinuus adeemsa isaa lafa irratti akka mancaase in arge.

[13] Waaqayyo yommus Nohiin,“Yeroon uumamni foon uffate hundinuu fuula koo duraa itti raawwatee dhumu ga'eera; lafti humnaan wal irratti ka'uu isaaniitiin waan guuteef, ani lafa irraa isaan nan balleessa.

[14] Ati muka ta'u irraa markaba tolchi, keessa isaatti kutaa kutaa baasi! Keessaa fi duubaanis leelee lafa keessaa argamuun duuchi!

[15] Ati markabicha yommuu tolchitu, dheerina isaa dhundhuma dhibba sadii, bal'ina isaa dhundhuma shantama, irraan-olee isaa dhundhuma soddoma godhi!

[16] Bantii markabichaas dhundhuma tokko irraa ol kaasii hojjedhu, cinaacha isaa irraan balbala itti baasi! Irraan-olee isaas iddoo sadiitti kuti! Iddoo isa jalaa, isa gidduu fi isa irra-keessaatti gargar hiri!

[17] Kunoo! Ani uumama foon uffate, uumama lubbuu qabu hundumaas bantii waaqaa jalaa balleessuudhaaf bishaan badiisaa lafa irratti nan fida; wanti lafa irra jiraatu hundinuus in dhuma.

[18] “Sii wajjin garuu kakuu nan gala; ati markabichatti in lixxa, haati manaa kee, ilmaan kee, dubartoonni ilmaan kees sii wajjin in lixu.

[19] Uumama foon uffatee jiraatu hundumaa keessaa sii wajjin hafanii akka jiraataniif, lama lama markabichatti galchi! Isaanis kormaa fi dhalaa haa ta'an!

[20] Warra baal'eedhaan balali'an keessaa, horii qe'ee fi bineensota keessaa, warra lafa irra munyuuqan keessaas akka qomoo qomoo isaaniitti lama lama ta'anii hafanii akka jiraataniif sii wajjin markabichatti ol haa galan!

[21] Wanta nyaatamu hundumaa keessaa fuudhii of biratti walitti qabii tuuli! Kunis nyaata keetii fi nyaata isaaniitiif in ta'a” jedhe.

[22] Nohi akkuma Waaqayyo isa abboometti kana hundumaa hojjetee in raawwate.

Seera Uumamaa — Chapters