[1] Caaffanni waa'ee warra Addaam irraa dhalatanii kanatti fufee jira; Waaqayyo gaafa nama uume, akka fakkaattii ofii isaatiitti isa in tolche;
[2] yeroo isaan uumes “Nama” jedhee isaan in moggaase; inni dhiiraa fi dubartii isaan uumee isaan in eebbise.
[3] Addaam waggaa dhibbaa fi soddoma jiraatee, ilma fakkaattii isaa ta'e bifa isaas qabu tokko dhalche; maqaa isaas “Sheet” jedhee in moggaase.
[4] Sheet erga dhalatee booddee, Addaam waggaa dhibba saddeet jiraatee, ilmaanii fi intaloota biraas in godhate.
[5] Barri Addaam jiraate hundinuu waggaa dhibba sagalii fi soddoma ture, kana booddees in du'e.
[6] Sheet dhalatee waggaa dhibbaa fi shanitti Enoshin in dhalche.
[7] Enosh erga dhalatee booddee, Sheet waggaa dhibba saddeetii fi torba jiraatee, ilmaanii fi intaloota biraas in godhate;
[8] barri Sheet jiraate hundinuu waggaa dhibba sagalii fi kudha lama ture, kana booddees in du'e.
[9] Enosh dhalatee waggaa sagaltamatti Qayinaanin dhalche.
[10] Qayinaan erga dhalatee booddee, Enosh waggaa dhibba saddeetii fi kudha shan jiraatee, ilmaanii fi intaloota biraas in godhate.
[11] Barri Enosh jiraate hundinuu waggaa dhibba sagalii fi shan ture, kana booddees in du'e.
[12] Qayinaan dhalatee waggaa torbaatamatti Mahalalelin dhalche;
[13] Mahalalelin erga dhalchee booddee, Qayinaan waggaa dhibba saddeetii fi afurtama jiraatee, ilmaanii fi intaloota biraas in godhate.
[14] Barri Qayinaan jiraate hundinuu waggaa dhibba sagalii fi kudhan ture, kana booddees in du'e.
[15] Mahalalel dhalatee waggaa jaatamii shanitti Yaaredin dhalche;
[16] Yaared erga dhalatee booddee, Mahalalel waggaa dhibba saddeetii fi soddoma jiraatee, ilmaanii fi intaloota biraas in godhate.
[17] Barri Mahalalel jiraate hundinuu waggaa dhibba saddeetii fi sagaltamii shan ture, kana booddees in du'e.
[18] Yaared dhalatee waggaa dhibba tokkoo fi jaatamii lamatti Henokin dhalche;
[19] Henok erga dhalatee booddee, Yaared waggaa dhibba saddeet jiraatee, ilmaanii fi intaloota biraas in godhate.
[20] Barri Yaared jiraate hundinuu waggaa dhibba sagalii fi jaatamii lama ture, kana booddees in du'e.
[21] Henok dhalatee waggaa jaatamii shanitti Matusaalaa dhalche;
[22] Matusaalaan erga dhalatee booddee, Henok karaa Waaqayyo irra deddeebi'uudhaan waggaa dhibba sadii Waaqayyoo wajjin in jiraate; ilmaanii fi intaloota biraas in godhate.
[23] Barri Henok jiraate hundinuu waggaa dhibba sadii fi jaatamii shan ture.
[24] Henok karaa isaa irra deddeebi'uudhaan Waaqayyoo wajjin jiraate; Waaqayyo waan isa fudhateef deebi'ee achitti hin argamne.
[25] Matusaalaan dhalatee waggaa dhibbaa fi saddeettamii torbatti Laamekin dhalche;
[26] Laamek erga dhalatee booddee, Matusaalaan waggaa dhibba torbaa fi saddeettamii lama jiraatee, ilmaanii fi intaloota biraas in godhate.
[27] Barri Matusaalaan jiraate hundinuu waggaa dhibba sagalii fi jaatamii sagal ture, kana booddees in du'e.
[28] Laamek dhalatee waggaa dhibbaa fi saddeettamii lamatti ilma dhalche;
[29] Laamekis,“Inni kun hojii isa nuyi lafa Waaqayyo abaare kana irratti hojjennu, isa nuyi harkaan itti dadhabnu kana keessatti nu jajjabeessa” jedhee, maqaa isaa “Nohitti” moggaase; (“Nohi” jechuun; “Jajjabeessaa” jechuu dha).
[30] Nohi erga dhalatee booddee, Laamek waggaa dhibba shanii fi sagaltamii shan jiraatee, ilmaanii fi intaloota biraas in godhate;
[31] barri Laamek jiraate hundinuu waggaa dhibba torbaa fi torbaatamii torba ture, kana booddees in du'e.
[32] Nohi dhalatee waggaa dhibba shanitti Seem, Kaamii fi Yaafetin dhalche.