Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:00

[1] Saaraayi haati manaa Abraam dhala hin godhanne; hojjettuu“Aggaar” jedhamtu tokko immoo qabdi; isheen nama biyya Gibxii turte.

[2] Saaraayis Abraamiin,“Waaqayyo dhala godhachuu akka na dhowwe in argita, kanaaf hojjettuu koo bira ga'i! Tarii ishee irraa nama maqaa koo kaasu nan argadhan ta'a” jette; Abraamis dubbii Saaraayi in dhaga'e.

[3] Saaraayi haati manaa Abraam hojjettuu ishee Aggaar ishee nama biyya Gibxii sana fidde, akka haadha manaatti Abraam abbaa manaa isheetiif in laatte; kunis Abraam biyya Kana'aan keessa waggaa kudhaniif erga jiraatee booddee ta'e.

[4] Inni Aggaar bira ga'e, isheenis in ulfoofte; ulfa ta'uu ishees of irratti argitee giiftii ishee ulfina dhowwatte.

[5] Saaraayi kana irratti Abraamiin,“Anatti balleessuu ishee kanatti situ gaafatama! Ati hojjettuu koo ofitti akka qabduuf anatu siif kenne, isheenis ulfa ta'uu ishee of irratti erga argitee, ana in tuffatte; Waaqayyo anaa fi si gidduutti haa faradu!” jette.

[6] Abraam yommus Saaraayiin,“Kunoo! Hojjettuun kee harka kee keessa jirti, waanuma gaarii ta'ee sitti mul'ate godhi!” jedhe; ergasii Saaraayi hojii jibbisiisaadhaan gad ishee qabde; Aggaar immoo ishee jalaa in baqatte.

[7] Ergamaan Waaqayyoos lafa onaa keessatti burqaa bishaanii biratti Aggaarin in arge; burqaan bishaanii sunis karaa Shuur dhaqu gubbaa jira ture;

[8] ergamichis Aggaariin,“Yaa Aggaar, hojjettuu Saaraayi! Eessaa dhufte, amma immoo eessa dhaqaa jirta?” jedhe; isheenis,“Ani Saaraayi giiftii koo jalaa baqachaan jira” jette.

[9] Ergamaan Waaqayyoo immoo deebisee isheedhaan,“Deebi'ii giiftii keetiif gali, gad of deebisii harka ishee jala buli!” jedhe.

[10] Ergamaan Waaqayyoo itti fufee,“Waaqayyo,“Ani sanyii kee guddaa nan baay'isa, baay'ina isaa irraa kan ka'es namni danda'ee isa hin lakkaa'u” siin jedha” jedhe.

[11] Ergamaan Waaqayyoo ammas immoo, “Kunoo ulfoofteetta, ilmas in deessa, Waaqayyo isa ati gad qabamtee iyyatte waan siif dhaga'eef, maqaa isaa “Ishmaa'el” jettee in moggaafta!

[12] Inni akka harree diidaatti in jiraata; inni nama hundumaa irratti harka ol in fudhata, namni hundinuus isa irratti harka ol in fudhata; obboloota isaa hundumaan cigaadaa in jiraata” jedheen.

[13] Aggaaris,“Ani dhuguman Waaqayyoon isa na ilaalaa ture argee?” waan jetteef, Waaqayyo isa isheetti dubbate sana “El-Ro'i” jettee waamte; [“El-Ro'i” jechuun “Waaqayyo isa na ilaalu” jechuu dha].

[14] Kanaaf namoonni bishaan boollaa isa Qaadeshii fi Baared gidduu jiru sana, (“Be'er-Lahaayi-Ro'i” jedhanii waaman);“Be'er-Lahaayi-Ro'i” jechuun “Bishaan boollaa kan isa jiraataa na ilaaluu” jechuu dha.

[15] Aggaaris Abraamiif ilma deesse; Abraamis maqaa ilma isaa isa Aggaar isaaf deesse“Ishmaa'el” jedhee moggaase. [“Ishmaa'el” jechuun “Waaqayyo in dhaga'a” jechuu dha].

[16] Yommuu Aggaar Ishmaa'elin isaaf deesse, Abraam nama waggaa saddeettamii ja'aa ture.

Seera Uumamaa — Chapters