Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:12

[1] Ilmaan Nohi, Seem, Kaamii fi Yaafet turan; bishaan badiisaa booddee, isaan kunis ijoollee in godhatan; hiddi dhaloota sanyii isaanii immoo kanatti fufee in lakkaa'ama.

[2] Ilmaan Yaafet Gomer, Maagog, Maada'i, Yaawaan, Tubaal, Meshek, Tiiraas turan.

[3] Ilmaan Gomer immoo Ashkenaas, Riifaat, Togaarmaa.

[4] Ilmaan Yaawaanis Eliishaa, Tarshiish, Kitiim, Rodaaniim.

[5] Warri biyya galaana qarqaratti argaman keessa jiraatan, isaan kana irraa cabsatan; isaan akka afaan afaan isaaniitti, akka qomoo qomoo isaaniitti, akka saba saba isaaniittis ijoollee Yaafetitti lakkaa'aman.

[6] Ilmaan Kaam, Kuush, Misraayiim, Fux, Kana'aan turan.

[7] Ilmaan Kuush immoo Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Ra'imaa, Sabtekaas; ilmaan Ra'imaas immoo Sheebaa fi Dedaan.

[8] Kuush, Naamrudin dhalche; Naamrud kun biyya lafaa keessatti nama jabaa isa duraa ture.

[9] Inni Waaqayyo duratti iyyuu adamsaa jabaa ture; kanaaf jechi,“Akka Naamrud isa Waaqayyo duratti iyyuu adamsaa jabaa sanaa” jedhamee dubbatamuu beekamaa ture.

[10] Innis jalqabatti mandaroota biyya Shiinaar isa “Baabilon” jedhamee beekame keessaa Baabel, Erek, Akaadii fi Kaalne irratti in mo'e.

[11] Biyya sanaa ba'ee biyya Asor dhaqee mandaroota Nanawwee, Rehobot-Irii fi Kalaa in ijaare;

[12] dabalees mandaroota Nanawwee fi Kalaa gidduutti Resen mandarattii guddittii in ijaare.

[13] Misraayiim, Ludiim, Anaamiim, Lehabiim, Naftuhiim,

[14] Fatrusiim, Kasluhiim isa warri Filiisxiyaa irraa argaman, Kaftoriiminis in dhalche.

[15] Kana'aan, Sidoonin dhalche, inni ilma isaa isa angafa ture; itti aansees Heetin,

[16] Yibusoon, Amooron, Girgaashon,

[17] Hiiwon, Arqon, Siinon,

[18] Arwaadon, Simaaron, Kamaaton dhalche; booddee immoo qomoon Kana'aan in tatamsa'an.

[19] Lafti warra Kana'aan Sidoonii ka'ee karaa Geraar irra hamma Gaazaatti, karaa Sodoom, Gomoraa, Aadimaa fi Zebo'iim immoo hamma Laashaatti in bal'ata.

[20] Ilmaan Kaam warri akka qomoo qomoo isaaniitti, afaan afaan isaaniitti, biyya biyya isaaniitti, saba saba isaaniittis lakkaa'aman isaan kana.

[21] Seemiifis immoo ijoolleen dhalataniiru; Seem obboleessa Yaafet isa angafa; sanyii ijoollee Ebeer hundumaafis isatu abbaa ture.

[22] Ilmaan Seem immoo Elaam, Ashuur, Arfaaksaad, Lud, Aaram turan.

[23] Ilmaan Aaram immoo Uz, Hul, Geterii fi Maash.

[24] Arfaaksaad, Shalaa dhalche, Shalaan immoo Ebeerin dhalche;

[25] Ebeeriif ilmaan lama in dhalatan; bara inni tokko dhalate lafti waan hirmatameef maqaan isaa “Feleg” jedhame; (“Feleg” jechuun “Hiramuu” jechuu dha). Maqaan obboleessa isaa immoo Yoqxaan ture.

[26] Yoqxaan ilmaan dhalche; isaanis Almodaad, Sheleef, Hasarmaawet, Yaaraa,

[27] Hadoraam, Uzaal, Diqilaa,

[28] Obaal, Abiimaa'el, Sheebaa,

[29] Ofiir, Hawiilaa fi Yobaab turan; warri kun hundinuu ilmaan Yoqxaan.

[30] Lafti taa'umsa isaanii Meshaadhaa ka'ee karaa Sefaar hamma tulloota gara ba'a-biiftuutti in bal'ata.

[31] Ilmaan Seem warri akka qomoo qomoo isaaniitti, afaan afaan isaaniitti, biyya biyya isaaniitti, saba saba isaaniittis lakkaa'aman isaan kana.

[32] Qomoon ijoollee Nohi, akka hidda dhaloota isaanii fi akka saba saba isaaniitti isaan kana turan; bishaan badiisaa booddee, sabni garaa garaa isaan kana irraa argamanii biyya lafaa irra in tatamsa'an.

Seera Uumamaa — Chapters