Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:21

[1] Waaqayyo akkuma abdachiisee ture, Saaraa in yaadate; akkuma dubbates isheedhaaf in godhe.

[2] Erga Abrahaam dulloomee yeroo itti Waaqayyo,“Haati manaa kee ilma in deessi” jedhee isatti dubbatee turetti, Saaraan ulfooftee ilma in deesseef.

[3] Abrahaamis maqaa ilma isaaf dhalate, isa Saaraan deesseefii sana “Yisihaq” jedhee moggaase; [“Yisihaq” jechuun “In kolfa” jechuu dha].

[4] Akkuma Waaqayyo isa abboomee turetti, ilmi isaa Yisihaq dhalatee guyyaa saddeetitti, Abrahaam dhagna isa qabe.

[5] Yeroo ilmi isaa Yisihaq dhalateef, Abrahaam nama waggaa dhibbaa ture.

[6] Saaraanis,“Waaqayyo sababii ani ittiin kolfu anaaf kenne, warri dhaga'an hundinuus anaa wajjin in kolfu” jette.

[7] Itti dabaltees, “ ‘Saaraan mucaa hoosisuuf jetti?, jedhee Abrahaamitti himuu eenyutu yaade ree” Ani garuu bara dulluma isaatti ilma da'eeraaf!” jette.

[8] Yisihaq guddatee harma in guufame; Abrahaamis gaafa mucichi harma guufame, cidha guddaa godhee in nyaachise.

[9] Saaraan garuu, ilmi Aggaar ishee Gibxittii sanaa, inni isheen Abrahaamiif deesse, tapha gadhee utuu taphatuu argite;

[10] kanaafis Abrahaamiin,“Ilmi xomboree kanaa ilma koo Yisihaqii wajjin dhaaluun isaaf waan hin taaneef, xomboree kana ilma ishee wajjin manaa baasi!” jette.

[11] Dubbiin waa'ee Ishmaa'el ilma isaatii kun Abrahaamin baay'ee in rakkise.

[12] Waaqayyo garuu Abrahaamiin,“Waa'een mucichaa fi waa'een xomboree keetii si hin rakkisin! Sanyiin kee maqaa Yisihaqiin waan waamamuuf, waanuma Saaraan sitti himtu dhaga'i!

[13] Ilmi xomboreettiis dhala kee waan ta'eef, isas immoo saba tokko nan godha” jedhe.

[14] Abrahaamis ganama bariidhaan ka'ee, buddeenaa fi bishaan qalqala tokko Aggaariif kennee, mucichas gatiittii ishee irra kaa'ee ishee adeemsise; isheenis achii baatee lafa onaa Bersheebaa keessa in joorte.

[15] Yeroo bishaanichi qalqala keessaa dhumetti, Aggaar mucicha huuxxii tokko jalatti gatte;

[16] kana booddee hamma darba-eeboo irraa fagaattee, fuullee isaa dhaqxee teesse; isheen,“Yommuu mucichi du'u, taa'ee hin ilaalu!” waan jetteef, fuullee isaa teessee sagalee ishee ol fuutee in boosse.

[17] Waaqayyo sagalee boo'icha mucichaa in dhaga'e; ergamaan Waaqayyoos bantiiwwan waaqaa keessaa Aggaarin waamee,“Aggaar, maal taate” Mucichi iddoo jirutti Waaqayyo sagalee isaa dhaga'eeraatii hin sodaatin!

[18] Ani saba guddaa isa gochuufan jira, ka'ii mucicha ol fuudhi, harka keetiinis jabeessii isa qabi!” jedheen.

[19] Yommus Waaqayyo ija ishee in baneef; isheenis boolla bishaanii tokko in argite; dhaqxees bishaan qalqalichatti guuttee, mucichas in obaafte.

[20] Waaqayyo mucichaa wajjin ture, innis in guddate; inni lafa onaa keessa jiraatee, nama xiyya darbachuutti beekame in ta'e.

[21] Inni Phaaraan lafa onaa keessa jiraate; haati isaas durba warra Gibxii isa in fuusifte.

[22] Yeroo sanatti Abiimelek mootichi Fikool abbaa duulaa isaa biratti Abrahaamiin,“Waaqayyo waan ati hojjettu hundumaatti sii wajjin jira;

[23] akkuma ani amanamummaa si argisiise, atis anatti, biyya galaa taatee keessa teessettis argisiisi! Ana irratti, dhala koo irratti, sanyii koo irrattis haxxummaadhaan akka hin hojjenne, amma asitti maqaa Waaqayyootiin anaaf kakadhu!” jedheen.

[24] Abrahaamis,“Tole, ani siif nan kakadha!” jedhe.

[25] Achumaan immoo Abrahaam waa'ee boolla bishaanii isa hojjetoonni Abiimelek isa irraa fudhatanii tokkoof Abiimelekin komate;

[26] Abiimelek,“Eenyu kana akka godhe, ani hin beeku; ati immoo anatti hin himne, anis hamma har'aatti kana hin dhageenye” jedheen.

[27] Yommus Abrahaam hoolota, sangootas geessee Abiimelekiif kenne, isaan lamaanuus kakuudhaan waliif in galan.

[28] Abrahaam, hoolota goromtii torba karra sanattii addaan baasee dhaabe.

[29] Abiimelek immoo Abrahaamiin,“Hoolonni goromtiin torban ati addaan baaftee dhaabde kun immoo maali?” jedhe.

[30] Inni immoo deebisee,“Ani boolla bishaanii kana qotuu koo dhugaa ba'uuf akka ta'utti, hoolota goromtii torban kana ana harkaa fudhadhu!” jedhe.

[31] Kanaafis jarri lamaan achitti waan waliif kakataniif, iddoon sun “Bersheebaa” jedhame; [“Bersheebaa” jechuun “Boolla bishaan kakuu” jechuu dha].

[32] Bersheebaatti kakuudhaan erga walii galanii booddees, Abiimelekiif Fikool abbaan duulaa isaa ka'anii, gara biyya warra Filiisxiyaatti deebi'an.

[33] Yommus Abrahaam iddoo “Bersheebaa” jedhame kana muka lafa onaa tokko in dhaabe; achittis maqaa Waaqayyo gooftaa bara baraan jiraatuu in waammatte.

[34] Kana booddees Abrahaam biyya warra Filiisxiyaa keessa bara baay'eedhaaf galaa ta'ee in jiraate.

Seera Uumamaa — Chapters