[1] Kana booddee immoo eegduun warra mootii Gibxiif dhugaatii dhi'eessanii, eegduun warra buddeena tolchanii, mootii Gibxii gooftaa isaanii duratti balleessaa godhatan.
[2] Mootiin Gibxii yommus hojjetoota isaa warra gurguddoota kana lamaanitti in dheekkame;
[3] inni mana hidhaa iddoo Yoseef itti hidhamee eegamaa jiru keessatti akka isaan eeguuf, ajajjuu eegdota mana hidhaatti isaan kenne.
[4] Ajajjuun eegdota mana hidhaa sunis Yoseefitti hadaraa isaan kenne; innis isaaniif in ergame; isaanis takka achitti in eegaman.
[5] Gaaf tokko halkan, eegduun warra mootii Gibxiif dhugaatii dhi'eessanii, eegduun warra buddeena tolchaniis abjuu abju'atan; abjuun isaan lamaanuu mana hidhaa keessa utuu jiranii mata mataatti abju'atan kun, hiikaa adda addaa qaba ture.
[6] Yoseef ganama isaan bira dhufee yeroo isaan ilaaletti, fuula badanii isaan in arge.
[7] Inni kana irratti hojjetoota mootii Gibxii warra gurguddoota isaa wajjin mana gooftaa isaatti eegamaa jiraniin,“Har'a maaliif nyaara guurtan?” jedhee isaan gaafate.
[8] Isaan immoo deebisanii,“Nuyi abjuu abju'anne, namni nuuf hiiku dhibe” jedhaniin; yommus Yoseef isaaniin,“Abjuu Waaqayyotu hiikaatii, isin anatti himadhaa!” jedhe.
[9] Eegduun warra dhugaatii dhi'eessanii, abjuu isaa Yoseefitti yommuu himatu,“Abjuu kootiin ani muka waynii fuula koo duratti nan arge;
[10] mukti waynichaa damee sadii qaba ture; inni akkuma hudheen in daraare, ija in naqate, hurbuun isaas in bilchaate;
[11] xoofoon mootiin Gibxii itti dhugu ana harka ture, anis ija waynichaa ciree xoofoo mootii Gibxiitti cuunfee, xooficha harka mootii Gibxiitti nan kenne” jedhe.
[12] Yommus Yoseef namichaan,“Abjuun kee kan itti hiikamu, dameen sadan sun guyyoota sadii;
[13] guyyaa sadiitti mootiin Gibxii ol si qaba, lafa hojii keettis si deebisa; akkuma dur yeroo ati dhugaatii dhi'eessaa turte fudhatamee turetti, ati xoofoo mootii Gibxii harka isaatti in kennita.
[14] Yeroo siif tolu sanatti garuu ana yaadadhu! Hadaraa, mootiin Gibxii akka na yaadatu gootee mana kana keessaa na baasisuudhaan wanta gaarii anaaf godhi!
[15] Ani biyya Ibrootaa keessaan hatamee dhufe; biyya kanattis immoo mana boollaa kana keessa kan na buusisu, ani waan tokko illee hin hojjenne” jedhe.
[16] Eegduun warra buddeena tolchaniis, Yoseef abjuu gara gaariitti hiikuu isaa in arge; innis abjuu isaa isatti yommuu himatu,“Anis immoo abjuu kootiin kunoo buddeena gundoo sadiitu mataa koo irra ture.
[17] Buddeenni bifa garaa garaatiin tolfamanii, mootiin Gibxii akka nyaatuuf qopheeffaman hundinuu gundoo mataa koo irraa isa ol aanu keessa turan; allaattonni immoo gundoo isa mataa koo irra jiru keessaa in nyaatu turan” jedhe.
[18] Yommus Yoseef deebisee,“Abjuun kee kan itti hiikamu, gundoon sadan sun guyyoota sadii;
[19] guyyaa sadiitti mootiin Gibxii ol si fuusisee, mukatti akka si rarraasan in godha; allaattonnis foon kee irraa ciratanii in nyaatu” jedhe.
[20] Guyyaan sadaffaan guyyaa itti mootiin Gibxii dhalachuu isaa ayyaaneffatu waan tureef, hojjetoota isaa hundumaaf nyaachisa guddaa godhe; inni eegduu warra dhugaatii dhi'eessanii, eegduu warra buddeena tolchaniis hojjetoota isaa gidduutti ol in waamsise.
[21] Innis eegduu warra dhugaatii dhi'eessanii sana hojii dhugaatii dhi'eessuu isaatti isa deebise; namichis xoofoo harka mootii Gibxiitti kenne;
[22] eegduun warra buddeena tolchanii immoo akka rarraafamu godhe; kunis akkuma Yoseef isaaniif hiike ta'e.
[23] Kana keessaa immoo eegduun warra dhugaatii dhi'eessanii Yoseefin in irraanfate malee, hin yaadanne.